Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongeen Somaaliyaa Keessaa Yaaddessaa Ta’e


Hongeen Somaaliyaa Keessaa Yaaddessaa Ta’e
Hongeen Somaaliyaa Keessaa Yaaddessaa Ta’e

Prezidaantiin Somaaliyaa Mohamed Abdullahi Farmaajoo biyyi isaanii hongee hamaa fi rakkoo midhaan nyaataan rakkataa ennaa jirtu kanatti labsii balaa uumamaa labsanii jiran.

Tokkkummaan mootummootaa akka jedhetti rakkoon somaaliyaa keessaa uummata miliyoona 6.2 rakkoof kan saaxile yoo ta’u kunis baayy’ina lakkoobsa uummatichaa walakkaa oli. Haalli kun biyyattii gama kaabaa keessatti daran hammaatee jira.

Yeroon roobaa walitti aansaan dhabamuu isaan kan ka’e oomishi midhaanii fi lakkoobsi beeladaalee akkaan gad cabe.

Jarmayaan fayyaa addunyaa akka jedhetti hongeen kun dhukkubi akka faca’uuf sababaa ta’e. erga jalqaa baatii Amajjii qabee namoota kuma ja’atu dhibee koleraan qabamuu isaaniitu gabaasame. Kanneen kuma 2,500 ta’an immoo gifiraan qabamuu isaaniitu shakkama jechuun jarmayichi gabaasee jira.

Tokkummaan mootummootaa hanga walakkeessa bara 2017tti gargaarsa uummata biyyattiif kan oolu gargaarsa doolaara miliyoona $825 gaafatee jira. Bara 2011 keessa beelli Somaaliyaa mudate uummata kuma 260tti heddamu galaafate.

XS
SM
MD
LG