Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himata Itiyoophiyaaf Ertraa fi Riphxee Looltonni Benishaanguul Maal Jedhu?


A map delineates past areas of conflict between Ethiopia and Eritrea.
A map delineates past areas of conflict between Ethiopia and Eritrea.

Kanneen Ertraa irraa ka’an riphxee looltoonni Benishaangul akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Guraandhala 22 bara 2009 Jidha Laga Abbayaa ‘hiddaasee” jedhamu irratti miidhaa dhaqqabsisuuf karoorfatanii otoo socho’anii humnootta Itiyoophiyaan karaatti barbadeessamanii jiran jechuun sabaa himaan Itiyoophiyaa gabaasanii jiru.

Boombarg ministeera waajira dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa Obbo Zaadig Abrahaa maqaa dhahuun akka gabaaseetti riphxee looltoota Benishaanguul sana keessaa 13 kan ajjefaman yoo ta’u 7 immoo gara sudaantti baqachuuf ituu yaalanii humnoota sudaaniin qabamanii mootummaa Itiyoophiyaatti kennaman jedhan.

Mootummaan Ertraa kana ilaalchisee deebii gama Twitariin waa’ee himata kanaa quba hin qabu jedhee jira.Ministriin odeeffannoo kan Ertraa Yemane Gebre Mesqel gama Twutariin deebii Bloombergiif erganiin akka himannaan kun oloola akeeka shiraa tokkoof dursee oofamaa jiru jedhan.

Itti gaafatamaa garee Riphxee looltoota Beneshaanguul Gumuz Obbo Abdulwahab Mahdi deebii kennaiin mootummaa Itiyoophiyaa waraanaa kan jirru ta’uus qabeenya Uummata Itiyoophiyaa kan ta’e hidha laga Abbaayyaa haleeluuf yaaliin goone tokko hin jiru jedhan.

Itti dabalanis, namnii 7 mootummaa Itiyophiyaaa jalaa miliquun qabsoo keenyatti makamuuf sosso’an qabatan malee hidha laga Abayyaa haleeluuf kan bobba’an miti jedhan.

XS
SM
MD
LG