Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessaatti Kanneen Angoo Irraa Kaafaman Miseensoota Dhaabaa Angoo Irra Jiran Qofa : Angawaa Oromiyaa


Loogoo Dh.D.U.O
Loogoo Dh.D.U.O

Waggootii kudha shan dura kan karoorfame sagantaan haaromsaa dinagdeen biyyatti ittiin hogganamu jijjirama argamsisaa ituu jiruu Oromiyaa keessatti jeequmsii ka’uu isaa kan ibsan bulchiinsa mootummaa nannoo Oromiyaatti itti gaafatamaan kutaa dhimmootii komunikeeshinii Obbo Addisuu Araggaa gaaffiin uummataa bifa adda addaan dhiyeessees sirri ta’u bulchiinsii Oromiyaa ni amana jedhan.

Kunis bulchiinsa gaarii Dhaba irraa, malaamaltummaa fi dargaggotaaf carraan hojii dhabamuu irraa akkasumas dhimmootii ka birootti hidhata akka qabu ibsan Obbo Addisuun gaaffii uummataa irratti hundaa’uun tarkaanfiin siyaasaa fudhatamuu ibsan.Tarkaanfiin kunis koree hojii rawwachiiftuu DH.D.U.O irraa jalqabee hanga sadarkaa gadiitti hoggana irra kan turan namoota 4460 aangoo irraa kaafamuu dubbatan.Sadarkaa gandaatti immoo gandeen Oromiyaa keessaa jiran 7303 keessaa hoggansa irra ka turan namoonni 13,578 irratti tarkaanfii wal fakkaataan fudhatamu hubachiisan.

Isaan kana hundumaa aangoo irraa kaasuuf sababaa kennaman keessaa hojii irratti dadhabbii qabaachuu, malaamaltummaa, barnoota ga’aa dhabaa fi kanneen biroo ta’uun ibsamee jira. Kanneen aangoo irraa kaafaman kana keessaa yakkaan himatamanii dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa akka jiru kana malees qabeenyaan isaanii akka hin sossone kan uggurame akka jiran Obbo Addisuu Araggaa ibsanii jira.Waluumaagala kanneen aangoo irraa kaafaman kun martinuu miseensoota dhaabaa aangoo irra turan malee hojjattoota sivilii kan mootummaa miti jedhu.

Gaaffii fi deebii gaggeeffama kana Cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Oromiyaa Keessaatti Kanneen Angoo Irraa Kaafaman Miseensoota Dhaabaa Angoo Irra Jiran Qofa : Angawaa Oromiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:52 0:00

XS
SM
MD
LG