Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp fi Muummicha-ministaraa Iraaq Waayit Haawusitti Marii Geggeessan


Traamp fi Muummicha-ministaraa Iraaq Waayit Haawusitti Marii Geggeessan
Traamp fi Muummicha-ministaraa Iraaq Waayit Haawusitti Marii Geggeessan

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Doonald Traamp --- Muummicha-ministaraa Iraaq – Hayider Al-abaadii, Waayit Haawusitti simachuun haasofsiisanii jiran. Haasaan isaanii – waa’ee magaalaa ijoo Kaabaa Iraaq dhiheenya garee Islaamik Isteet harkaa baafatee qabamtee – waa’ee Mosuul of keessaa qabaachuu mala – jedhama.

Hoogganoonni lameen, baatii dabre keessa, waa’ee haleellaa Islaamik Isteet irratti geggeessamuu telefoonaan haasawa iyyuu kallattiin walga’anii dubbachuun isaanii kun ka duraa ta’uu isaa ti.

Mr. Abbaadiin gara as Waashingtonitti gajeeluu isaanii dura, ISIS fi gareelee isa deggeran injifachuuf duula sadarkaa dhumaa irra gahe haala itti xumuran irratti Prezidaant Traamp waliin dubbachuuf akka fedhii qaban dubbatanii turan.

Humnoonni Iraaq yeroo garee ISIS waraanaa jiran kanatti, deggersa humna qilleensaa garee walta’insa biyyootaa, kan Yunaayitid Isteetsiin hoogganamu irraa argatan.

XS
SM
MD
LG