Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Mana Hidhaa Qilinxoo Gaaffii Keenyaaf Deebii Nuu Kennuu Dide: Hidhamtoota


Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa
Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa

Hogganoonni paartii Kongreesa Federaala Oromoo kanneen mana hidhaa Qilinxoo keessa jiran nyataa maatii irraa geeffameef har’a kaasee fudhachuu dhaabuu isaanii maatiin beeksisanii jiru.Kana malees Maatiin yeroo dubbisuuf gara Qilinxoo deemuus gad ba’anii nu dubbisuu dhaaban jedhu.Mana hidhaa sana keessatti Televiziyoonni daw’ataa turan jalaa fudhamuu, kitaabonni akka dubbisaniif ehamaan seenaa ture amma manni hidhaa deebisee funaanuu isaa akkasumas kutaa xiqqoo keessa duraan namnii 7 akka turee amma garu nama ka biraa saddeeti dabaluu isaanii ibsuun kun martii mirga nama to’annaa jala jiru sarbuu dha jedhu hidhamtoonn.

Gama kaaniin abukaatoon hidhamtootaa Obbo Abduljabbaar Huseen maamiltoota isaanii waliin wal arguuf har’a gara mana hidhaa Qilinxoo kan deeman ta’uus “hidhamtoonni gad ba’uu didan” deebii jedhu waan kennameef ituu wal hin argiin hafuu dubbatu.Ragaa himatamtoota irratti dhiyaate kan ilaaleen waliin dubbachuuf deemuu isaanii ragaan kun immoo fuula kuma tokko ol waan ta’eef irratti hojjachuuf yeroo gaafata jedhan. Maraafuu hidhamtoota arguuf yaaliin godhan kan itti fuufuu ta’u abukaatoon kun ibsanii jiru.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Bulchiinsii Mana Hidhaa Qilinxoo Gaaffii Keenyaaf Deebii Nuu Kennuu Dide: Hidhamtoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:00 0:00

XS
SM
MD
LG