Xurree ittiin seenan

Breaking News

White House Irraa Ibsi Kennamu Iyyuu Lammiiwwan Siiriyaa Ameerikaatti Simataman


White House Irraa Ibsi Kennamu Iyyuu Lammiiwwan Siiriyaa Ameerikaatti Simataman
White House Irraa Ibsi Kennamu Iyyuu Lammiiwwan Siiriyaa Ameerikaatti Simataman

Prezidaant Donald Traamp fi manneen murtii US ajaja uggura imalaa isaan baasan irratti wal falmaa ennaa jiran kanatti lammiiwwan Siiriyaa kanneen biyya isaanii irraa baqatan US weenaa jiran.

Maatiin Siiriyaa irraa dhufan tokko kan nuti waa’ee Amaarikaa yaadaa turreef kan nuti argaa jirru adda jedhu.

Nael Zaino jireenya ilma isaa guutuu waliin hin jiraatinuu malee amma garuu ilma isaa Aramiif waan danda’e mara gochuuf qophee dha jedha.

Yeroo jalqabaaf ennaan isa argu, bo’aa ture. Haalli inni hamaan garuu gara kootti dhufuu ennaa inni didu. Tarii kan inni ofi irraa na ittiseef yeroo kana mara jireenya isaa keessaa dhabamuu koof jecha natti fakkaata jedhe.

Gargaarsa hiriyoota US keessaa fi waajjira senator Kamala Harris-n Zainoon milkaa’uu danda’eera. Yeroo jalqabaaf angawaa immigaratin US kan US keessaa ka kutaa Boston keessaa waliin ennaan wal argu na ajaa’ibe jedhe Nael.

Angawaan sun passport kootti chaappaa kaa’ee naa kennee dhaqii jireenya kee jalqabi. Ilama kee waliin gammadii jiraadhu naan jedhe.

Cimaa ta’uun koo akka natti dhaga’amu godhe. Kun ameerikaa dha. Kun uummata Ameerikaa ti. Marinuun keenya cina kee dhaabanna naan jedhe.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

White House Irraa Ibsi Kennamu Iyyuu Lammiiwwan Siiriyaa Ameerikaatti Simataman
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:38 0:00

XS
SM
MD
LG