Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu: Kutaa 3 ffaa


Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu; Kutaa 3ffaa
Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu; Kutaa 3ffaa

Godinaalee Oromiyaa walitti bu’iinsii daangaa Somaalee waliin keessatti gaggeeffame keessaa Harargee Dhiyaa tokko.Guyyaa kudha ja’a dura loonii fi Gaala bobbaafnee tiksaa ituu jirru hidhattonni Liyyuu polisii kokolaataan dhufanii haleellaa nu irratti banan jedhu horsisee bulaan mada’anii lubbuun hafan.Hidhannoo guutuu fi afaan somaalee ka dubbatan akka ta’e kan ibsan namnii sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan kun humnii ittisa biyyaas kokolaataa isaanii waliin sagalan isaanii qabee gara Bordodeetti geessu isaa dubbatu.Walitti bu’iinsa Kanaan Oromiyaa irraa namnii shan mada’ee tokko ajjefamu beekamee jira.

Yeroo ammaa kana kanneen gama horsisee bulaa Oromiyaa irraa mada’an irratti qorannaan gaggeeffamaa akka jiru kunis humnootii alaatti hidhata qabdu ka jedhu ta’u ibsan.Itti gaafatamaan waajiira dhimma komunikeeshinii bulchiinsa nannoo Somaalee raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti humnootii alaa kanneen waggaa lama dura Oromiyaa jeeqaa tureetu amma bulchiinsa nannoo somaalee keessatti ajjechaa fi haleellaa geesisaa jechuun isaanii ni yaadatama.

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayla Maariyaam Dassaaleeny immo hogganaa fi milishaa naannootu rakkoo kana uuma jedhan.

Gabaasaa guutuu kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu: Kutaa 3 ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:16 0:00

XS
SM
MD
LG