Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota  Finfinnee Keessatti Jiginsa Tuullaa Kosiitiin  Dhumanii 113 Ga’uun Beekame


Lakkoobsi Namoota  Finfinnee Keessatti Jiginsa Tuullaa Kosiitiin  Dhumanii 113 Ga’uun Beekame
Lakkoobsi Namoota  Finfinnee Keessatti Jiginsa Tuullaa Kosiitiin  Dhumanii 113 Ga’uun Beekame

Aanaa Kolfee Qaraaniyoo naannoo Raphii kan jiru iddoon kosiin itti gatamuu fi Qoshee jedhamuun waamamuutti/ kosiin cite garagaluu isaan kan ka’e balaa dhaqqabeen lakkofsii namoota du’anii 72 ga’u isaa ministeera dhimmootii komunikeeshiinii kan Itiyoophiyaa obbo Nagarii Leencoo VOA-f kaleessa ibsanii jiru.

Mana isaanii lafa kosiidhaan guutume irratti ijaarame keessa waggoota soddomaaf ka jiraatan – aadde Warqnesh, Sanbata dabre halkan ennaa du’a-ga’ii yokaan boo’icha ga’anii deebi’an, mannii isaanii biyyoo fi kosii jala dhidhimee arguu isaanii dubbatan . Mucayyoo isaanii ulfa dabalatee – ijoollee isaanii ja’atu manicha keessatti awwaalame. “ijoolleen kiyya cufti biyyoo sana jalatti dhuman” jedhu.

Dura sagaleen akka dho’insaa dhaga’amee, booda namoonni hundi biyyoo jala dhidhimuu dubbatu. Tuullaa kosii jige sana jalaa amma illee reeffaa baafamaa jira. Ministarri dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa, Obbo Negerii Leencoo, kaleessa VOAf ibsa kennaaniin, lakkoobsi namoota dhumanii 72 ga’uu dubbatanii turan. Maddi-oduu Rooyiters immoo, poolisii irraa odeeffannoo argachuu isaa eeruudhaan, namoonni dhuman 82 ga’uu gabaaseee. Namoota dhuman sana keessaa kanneen kurna hedduu ta’an dubartootaa fi ijoolee dha. Oduu booda nu dhaqqabeen immoo sabaa-himaan Mootummaa akka gabaasetti, lakkoobsi namoota du’anii 113 ga’ee jira.

Kan reeffa ijoollee isaanii ja’aa baafattee awwaalchaaf qopheessaa jiran – aadde Warqnesh, mootummaan hatattamaan dhimma sanatti birmachuu dhabuu isaa qeeqan.

“Mootummaan dafee maashinii biyyoo qotee reeffa baasu illee nuuf hin ergine. Maashinii sanaaf maallaqa kiisii kootii baaseen kenne” jedhu.

Lafa waggoota 53 dabraniif kosiin magaalattii itti guuramaa turee fi namoonni dhibba sadii ta’an, manneen akka gaaddisaa suphatanii keessa jiraatan kun akkamitti jiguu danda’e? gaaffii jedhuuf haga ammaatti deebiin hin argamne.

Aangawoonnis haga ammaatti, deebii kanaa duubatti dhiisanii, gargaarsatti fuuleffachuu isaanii dubbatu. Bulchaan magaalaa Finfinnee – Obbo Dirribaa Kumaa, balaan dabalataa akka hin dhaqqaneef namoota hafan achi irraa fageessanii qubachiisuutti ka fuulaffatan ta’uu eeran. “Lafa naannoo sana irraa fagoo ta’e irra akka qubatan gochaa jirra. Gargaarsa namoomaas kennaa jirra” – jedhu.

Ministarri Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa – Obbo Nagarii Leencoos, “Amma lubbuu oolchuudhaaf carraaqqii guddaa gochaa jirra. Maal akka jiginsa lafa kosii sanaaf sababaa tahe si’achi qoratamee adda baafama. Yeroo waan hundinuu qoratamee sababaan qulqulaa’ee beekamu beeksisna” jedhan.

Namoonni balaa sana irraa lubbuun hafan hedduun, “mootummaan tuullaa kosii sana gama-tokkotti dhiibuudhaan waan sochooseef balaan kun dhaqqabe” – jechuudhaan komee isaanii VOA-tti dubbatan. Kaan immoo Warshaan Baayoogaazii kan naannawa sanatti ijaaramaa jiruu fi sababaa ijaarsichaaf boolli qotamaa jiruu fi ujummoon diriirfamaa jiru akka jiginsa tuullaa kosii sanaaf sababaa tahetti dubbatu.

Dhaabbatni Misoomaa, ka Tokkummaa Mootummootaa, Yunivarsitii Fininnee fi aangawoota Mootummaa waliin ta’uudhaan, Kosii ganda Qosheetti tuulame sana irraa gaazii “Miteen” oomishuuf hojjechaa jira.

Sababaan isaa waan fedhe ta’e iyyuu, mootummaan balaa uumame kanaaf itti gaafatamummaa jalaa ba’uu akka hin dandeenye ka dubbatan – Dura-taa’aan paartii mormituu, kan MEIAD – Obbo Adaanee Xilaahun immo, “Bulchiinsi naannoo Finfinnee namoota achi jiraatanii fi filannoo ka biraa hin qabne, bakka wayyaawaa qubachiisuu hanqachuu isaantiin, balaa sanaan dhuman” jedhu. Oduu booda nu dhaqqabeen, koreen sababaa balaa jiginsa tuullaa kosii kana qoratu hundeessamuun himamee jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Lakobsi Namoota  Finfinnee Keessatti Jiginsa Tuullaa Kosiitiin  Dhumanii 113 Ga’uun Beekame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:41 0:00

XS
SM
MD
LG