Xurree ittiin seenan

Breaking News

Damaasqoo Keessatti Of-wareegdonni Balaa Geesisan


Damaasqoo Keessatti Of-wareegdonni Balaa Geesisan
Damaasqoo Keessatti Of-wareegdonni Balaa Geesisan

Robii har’a Bitooteessa 15 bara 2017 magaalaa Damaasqoo kan Siriyaa keessatti of wareegdoonni bakka lamatti balaa geesisuu isaanii Televiziyoonni mootummaa Siriyaa beeksisee jira.

Haleellaa inni jalqabaa nama 25 kan galaafatu yoo ta’u gamoo mana murtii guddicha cinatti dhaqqabu isaa dhaabbata oduu siriyaa beeksise.Kana irratti battalumatti gad fageenyaan kan ibsame hin jiru.

Sa’atii lama turee immoo of wareegaa biraan Damaasqoo gama dhiyaa keessa ka jiru mana nyaataa tokko keessatti balaa geesisuun of wareege.Televiziyoonni mootummaa akka gabaaseetti hedduun ajjefamanii kaanis mada’anii jiran. Garu lakkofsii isaanii kan sirri ta’e hin ibsamne.

Haleellaa wal fakkaataan bakka awwaala musleemoota shiyaatti gaggeeffame yoo xiqqaate lubbuu nama 40 galaafachuun 120 caalaa madeessee torban tokko ituu hin guutiin balaan kun har’a dhaqqabe.

Balaa kanaaf garee al-qaidaatti hidhate qabu kan Siriyaatu itti gafatama fudhate.

XS
SM
MD
LG