Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni Neezerlaands Filannoon Paarlaamaaf Sagalee Kennaa Jira


Damaasqoo Keessatti Of-wareegdonni Balaa Geesisan
Damaasqoo Keessatti Of-wareegdonni Balaa Geesisan

Uummanni Neezerlaands Robii har’a filannoo paarlaamaaaf gaggeeffamuuf sagalee kennaa jira. Kunis paartii mummicha ministeera biyyatti mark Rutte..n hogganamuu fi farra godaantootaa fi Islaamaa kan ta’an seera tumaa Geert Wilers giddutti ta’uun beekamee jira.

Sagaleen uummataa dursee funaanamee akka agarsisuutti paartiin Rutte lakkoofsa uummataa xinnoon dursa jira.Paarlaamaa biyyatti keessatti paartilee hedduun bakka buufamu.kanaaf paartiin kam iyyu barcuuma caalaa haa argatu malee mootummaa itti aanu dhaabuuf wal ta’uun barbaachisaa dha.

Kana irratti walii galuun baatilee hedduu kan fudhatu ta’uus paartilee gurguddoon wilders waliin kan hin hojjanne ta’u beeksisanii jiru.

Wilders musleemonni biyyatti akka hin seenne akkasumas Masjiida cufuuf kan dhaadate yoo ta’u Quraanni akka hin gurguramnee fi biyyatti gamtaa Awurooppaa keessa baasuu kan fedhu ta’u beeksisee jra.

XS
SM
MD
LG