Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uggurri Labsii Yeroo Hatattamaa Hangi Tokko Kaafameera: Ministrii Ittisaa Siraaj Fageessaa


 Obbo Siraaj Fageessaa
Obbo Siraaj Fageessaa

Ugguraawwan kaafaman keessaa tokko caasaa dinagdee, bu’uura misoomaa, waaltaalee investmentii, misooma qonnaa fi naannolee warshalleen keessa jiraatan ilaallata.

Naannolee kanatti galgala sa’a 12 hanga ganama barii sa’a 12tti uggurri sa’aa kaa’ame kaafamee jira. Uggura kaafame keessaa tokko uggura sa’aa ta’uu obbo Siraaj Fageessaa beeksisaniiru.

Ennaa uggurri kaa’ame irra darbamu tarkaanfilee fudhataman keessaa kan kaafaman jiraachuu illee dubbataniiru.

Tarkaanfilee hambisaman keessaa tokkoffaan ajaja mana murtii malee nama to’annaa jala oolchuun akka hafu ta’eera.

Labsiin kun ennaa hojii irra oolee jirutti namni hidhame “Command Post” bakka murteesse akka turu gochuun ni danda’ama inni jedhus kaafameera.

Barnoota haaromsamaa kennanii kan gad dhiisamu gad dhiisanii kan murtiitti dhiyaachuu qabu dhiyeessuu kan jedhu, akkasumas yeroo kamiinuu taanaan ajaja mana murtiin ala uummata naannoo fi poolii waliin ta’uu dhaan meeshaalee yakki ittiin hojjetame to’annaa jala oolchuu, ykn bakka jiranii akka hin sochoone ugguruu kan jedhus hafeera.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Uggurri Labsii Yeroo Hatattamaa Hangi Tokko Kaafameera: Ministrii Ittisaa Siraaj Fageessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:17 0:00

XS
SM
MD
LG