Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu


Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu; Kutaa 1ffaa
Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu; Kutaa 1ffaa

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi kan naannoo Somaalee giddutti walitti bu’insii eega uumamuu jalqabee bubbulee jedhu bulchiinsa naannoo mootummaa Oromiyaatti itti gaafatamaan waajiira dhimmootii komunikeeshinii Obbo Addisuu Araggaa.Hidhatoonni bulchiinsa nannoo Somaalee irraa dhufan kun baatilee darban sadii keessatti godinaalee Oromiyaa shanii fi aanaa kudha afuur keessatti walitti bu’iinsa kaasaniin uummanni Oromoo sodaatee lafa isaa irraa dheessu isaa dubbatan. Hidhattonni Somaalees alaabaa ofii dhaaba akka jiran jiraattonni ni dubbatu.Kunis qabeenya lafaa humnaan babal’ifachuu fi dinagdee waliin hidhata qaba jedhu Obbo Addisuu Araggaa.

Godinaaleen shanan kun Godina Harargee Bahaa, Godina Harargee Dhiyaa,Godina Baalee, Godina Gujii fi Godina Boranaa yoo ta’an kanneen keessa kan jiran aanaaleen 14 walitti bu’iinsa kanan gaaga’amuu ibsamee jira. Ummanni Oromiyaa keessaa akka jedhanti hidhattoota bulchiinsa Somaalee kanneen Liyyuu Haayil Jehdamantu haleellaa kana irratti rawwate. Bulchiinsii nanoo somaalee ibsa dhiyeenya kana baaseen humnootii alaatu Oromiyaa irratti haleellaa kana geesiisa jedhe. Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Haayla Maariyaam Dassaaleeny walgahii ayyaana guyyaa dubartootaa Bitootees 8 bara 2017 kabajamee irratti sababaan walitti bu’iinsa kanaa milishotaa fi aangawoota taayitaa irra jiran jedhan.Ittiin ka’uumsa walitti bu’iinsa kanaati jechuun sababaan kennaman kun adda adda ta’uun immoo furmaatu argachuu irratti danqaa akka ta’u beekamaa dha.

Walitti bu’iinsii kun amma iyyu itti fufee ka jiru ta’u kan ibsan jiraattonni godinaalee Oromiyaa adda addaa, lakkofsii namoota ajjefamanii, kanneen mada’anii fi manaa fi qe’e ofii gadhisuun godaananii dabalaa akka jiru dubbatu.Godinni Harargee Bahaa maal keessa jira?

Kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:31 0:00

XS
SM
MD
LG