Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gadaan Booranaa seera ufii gugurdaa 370 caalaa qabdi,seerii kun namaa-sa’a qofaa mitii lafallee hin bulcha


Gadaan Booranaa seera ufi dandahe gugurdaa 370 caalaan bulti
Gadaan Booranaa seera ufi dandahe gugurdaa 370 caalaan bulti
Gadaan Booranaa seera bultuun gugurdaa 370 caalaa qabdi
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:09 0:00

Gadaan Oromoo seeraa fi heera mataa ufii, alaabaa ufii ka akka Booranaatti Baqqalaa Faajjii heeraa fi heera mataa ufii qabdi.Sirnii Oromoo kana tanumaaf UNESCOn qarooma addunyaa irraa barachuu malte jettee mirkansiteef.

Abbaan Gadaa Booranaa 71essoo,Kuraa Jaarsoo Kamisa dabre baallii fuudhe qophii gammachuu torbaan tokkoo tolchaa bahaniif fixatee amma ya hujiitti dabre.

Wayaan jaarroleen mataa qabdu tun--Ruufa
Wayaan jaarroleen mataa qabdu tun--Ruufa

​Laftii oolaa(bokkaa gannaa fi hagayyaatti nama irraa oolee) horiin nama irraa dhumachuutti jira,gama tokkoon laftii waraana, abbaa gadaa waan hedduutti eegata.

Woma taateefuu qophii gamachuu hardha godina Booranaa aanaa Yaaballoo ardaa Badhaasaati Gadaa baallii fuutee kopheessan Oromoo godina gara garaa itti dhufte,bakka buutota mootummaa naannoo Oromiyaati fi federaalaa,mediyaa addunyaa fi bakka buutota UNESCO dabalee nama hedduutti dhufe jedhan.

Akka jecha jaarsa Argaa-Dhageettii,Doktor Borbor Bulee jedhutti warrii dhufe gammachuu guddootti fuula irraa mullata--wal gargaaree aadaa waliin jabeessee nagaa waliin eegachuuf walii gale.

“Nama hedduutti dhufe.Keenyaa keessaa,yuniverstii Bulee Horaa,Haroo-Maayaa,Jimmaa fi fulaa hedduu dhufan.Waan durii footoo qofaan beekan daballee, gammee, kuusaa fi raabaa ilaan argan.”

Kuraa Jaarsoo,abbaan Gadaa Booranaa 71essoo
Kuraa Jaarsoo,abbaan Gadaa Booranaa 71essoo

Boorannii Gadaa keessaa seera gugurdaa 370 qaba.

Akka jecha doktor Borbor jedhutti seera cufa ka Fardaatii fi nadheenii (durbartii) duratti jedhan.

“Seera fardaa, seera nadheenii, seea abbaa warraa,hadha warraa, ka fuudhaa, ka dhaalaa, kormaa, sa’aa,seera lafaa, ka mukaa gaaddisaa,seera haraa fi eelaa,seera saree…hedduutti jira.”

Seerii fardaa maaniif seera cufa dura jira? Jennaan geejjibii isaa,nyaapha isaan hadhanii,baalli isaan fuudhan jedhee..

“Kutaan isaa,salfaan isaa,nyaapha isaan hadhan.Adamoo isaan dhaqan. Baalli isaan fuudhani.Karaa km hedduu isaan dhaqan.Abbootiing adaa isaan[fardaan] Baallii fuuti. Dabballeen isaa godaanti.”jedha jaarsii Argaa-Dhageettii.

Tanaafuu nama farda dabse maaniin adaban?

“Bara bisaan lafa hin jirre,waan cufa caala bisaan diqqo jiraa fardaa kennan. Nama farda dabse—bisaan dhowwate,waan fardaa hin mallee tolche---gatii ‘qakee’, loon 30 adaban.”

Seerii lammeessoo ammoo ka nadheenii—dubartiiti.Maaf akkana jennaan.

Nadheen Booranaa ta fuudhan akkana mataa cibrattti ykn dhawatti.
Nadheen Booranaa ta fuudhan akkana mataa cibrattti ykn dhawatti.

​"Isiin sanyii namaati.Daaraa dabarsti—nama horti.Nama cufa isiitti dura jira. Qaalluu yoo isiin hin fuudhin laduu [itti gaafatam] hin fuudhu.Warrii nadheen keessaa doote ‘warra ibiddii dhaame’ jedhan.Abbaan gadaa yoo baallii kennu niitii malee hin kennu. Nadheen nama nama horu. Dubbii isiin himatte manuma isiitti qoraniif malee gaaddisa alaatti hin geessan.Abbaa warraa du’eef ibiddi hin dhaamu,yoo niitii doote ammoo ibiddatti dhaame jedhan. Waan cufa dura jirti.Namii daaraa dabrsu(sanyii horu) isii,” jedha aabba Borbor.

Abbaan Gadaa yoo Baallii fuudhe ganna afreesso irratti gumii balloo koraaf yaama.Gumii suniin Gumii Gaayoo jedhan.Ardaa Gaayotti kora teetti.

Dubartii Booranaa ta fuudhan Saldaa harkatti naqattee fi cibra mataatiin beekan.Ta isiin mormaa qabdu ammoo --imuu.
Dubartii Booranaa ta fuudhan Saldaa harkatti naqattee fi cibra mataatiin beekan.Ta isiin mormaa qabdu ammoo --imuu.

​Korii Gumii Gaayoo kora seera bade qajeelchu,ka hammaate dhiisisu, haaraa itti dabalaa mari’atu.Kori sun torbaan lama fa taa’a. Seerii 370nu irra dedeebihanii wal agarsiisanii qoratan.

Lallaba Hayyuu:Hayyuun warra abbootii gadaa waliin hojjatu ka gosa Booranaa 17nuu keessaa filan.

Gochii yoo hayyuu lallabachuu feetu—akka warrii jedhutti yoo ‘galata fedhachuu feetu’nama gosa isanii fulaa bu’ee hayyuu tahu kennattee,horii walti qabattee nama biyya keessa deemee nama sunii galata barbaadu,waan innii hojjateef galata barbaadu gosatti himuuf qopheeffatti.

Namii hedduun waan irratti dorgomuuf filannoo tana ganna tokko caalaallee irra turanii ka tahe keessaa filatan. Achii ammoo abbootii Gadaatii fi olloota Qaalluu dhaqanii jarilleen waan hedduu keessaa gaafate lallaban.

Guyyoo Gobbaa ammallee haga ji’a afurii abbuma Gadaa tahee hojjata.

Abbaa Gadaa Booranaa 70essoon,Guyyoo Gobbaa akka seera Gadaatti Baallii kennullee haga ji’a afran dhufaa Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo gargaaree aadaa qajeelchaaf.

Akka aabba Borbor jedhutti ji’a 4n kana keessatti Guyyoo Gobbaatti hayyoota lallabaa,rakkoo dhuftellee qahee isaatti fixan.Ji’a afuriin duubatti hujii fixate ‘gadaan fuloo yaate’ jedhan.Gadaa isaatiin ammoo “gadaa hambisaa” jedhan.

Ji’a afran sun keessatti Abbaa Gadaa haarahii waan hedduuf ufi qopheessa.

Eebba Booranaa:

Bobbaan nagaa
Bariin nagaa
Waariin nagaa
Elelleen nagaa
Elemtuun nagaa
Elemaa gaddiin nagaa
Tissaa huleen nagaa
Kuusi nagaa
Kusaa goseen nagaa
Ijoolleen kuuchuu nagaa
Tulaan sallan nagaa
Baddaan sadeen nagaa
Dhalaa kormii nagaa
Gadaan nagaa
Gadamoojjiin ta torbaan nagaa
Bokkeen roobaa hara dambalaa guuta
Elelleen mirgee okolee guuta
Nagaa waaqatti nu guuta

Horaa bulaa hora nagaan galaa waaqa nu deebansi.

XS
SM
MD
LG