Xurree ittiin seenan

Mootummaan Keniyaa Bilbila Harkaa To’achuu Fedha

  • VOA

Mootummaan Keniyaa Bilbila Harkaa To’achuu Fedha

Mootummaan Keniyaa caasaa bilbiila harkaa toachuuf jecha karoora diriirsee manni mirtii biyyatti hanga baatii caamsaa dhufuutti akka hojii irra hin oolleef rarraasee jira.

Kanas kan murteessee to’annaan akkasii gaggeessuun seera cabsuu dha jechuun falmii qabsaa’onni baatii darbe gaggeessan eega dhaggeeffatee booda.

Kun uummata akka jiruutti to’achuuf kan ta’e dha jedhu.Sabaa himaan keniyaa baatii darbe akka gabasanti mootummaan kaampaanile bilbiila harkaa sadiitti xalayaa erguun kompuutara isaanii seenanii ilaaluu akkasumas caasaa to’annaa itti galchuuf akka danda’an gaafatan.

Sana booda qabsaa’onni gama isaaniin kun iccitii dhunfaa cabsuu fi hojii seeraan alaati jechuun falmii dhiyeeffatan.

XS
SM
MD
LG