Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gadaan ta hormaataa fi bultumaa! jenne.Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo ya baallii fuudhe


Kuraa Jaarsoo,abbaan Gadaa Booranaa 71essoo
Kuraa Jaarsoo,abbaan Gadaa Booranaa 71essoo
Abbaan Gadaa Booranaa 71essoo ya baallii fuudhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:46 0:00

Kuraa Jaarsoo,abbaa Gadaa Booranaa 71essoo. Bitootessa 2,2017 godina Booranaa aanaa Areeroo ardaa Badhaasaatti abbaa gadaa Booranaa Guyyoo Gobbaa irraa baallii fuudhe.

Booranii ka jaarraa 14essoo duraa addoo hin itti hin darin bara 1,456 jalqabee akkanuma ganna saddeeti saddeetitti baallii wal irraa fuudhaa akkana jechaa kunoo 71 bahe.

Abbaan Gadaa Booranaa ka qaraa Gadayoo Galgaloo.Gadaan jaarraa 14esso duru jirtu Gadaa Maxaloo jedhan.Gadaa sun keessaa abbootii gadaa hedduutti ganna saddeeti saddeetitti wal irraa fuudhuu baatanillee gadaa hunda qabdu qaban.

Bara Boorannii Gadaan bulaa bahe bara 1,456 bara addunyaan maan keessa jirti?Amerikaan maqaa guddoo tun qabdu tun bara sun keessaa USA jedhamtee yaamamuufuu ganna 320 hafaaf.

Namu gamaan waraana guurratee daarii baballifachuuf lafa jiituu irratti wal hadhuuf yaaha.

Guyyoo Gobbaa,abbaa Gadaa Booranaa 70essoo baallii kenne
Guyyoo Gobbaa,abbaa Gadaa Booranaa 70essoo baallii kenne

​Namii maqaan isaa addunyaa keessatt beekamu qorataan xaliyaanaa Kiristofor Kolomboosa fi qorataan Portugaal Vaaskoo Dagaamaa baruma kana keessa addunyaa haaraa barbaada garba Atlaantic gama maanti jira? jechaa lafa barbaada yaahan.Afrikaan ammoo beekamu dhiisii achittuu hin dhiyaanne.​Warra addunyaa barbaada yaahu ka akka Alvise Da Dacada Mosto gaafas Kape Verde argan.

Kuraa Jaarsoo,ka amma baalli fuudhe kun nama ganna 30.Nama barumsallee qabu. Yuniversitii Hawaasaa ganna lammeessoo barumsa Istaastikisii barataa. Boorana bulchuuf barumsa lakkise. Abbootiin Gadaa Booranaa amma Baallii fuudhan sadii:

  1. Gadaa Harbooraa--Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo
  2. Abbaan Gadaa Hawaxaa Taarii(Adii) Jaldeessaadaa
  3. Abbaan Gadaa Koonnituu--Boruu Diimaa

Gadaa sadeen tana keessaa Gadaa Harbooraatti angafa.Abbaa Gadaa Harbooraatiin Adulaa Fiixee jedhan.Tanaafuu Kuraa Jaarsoo abbaa Gadaa Boorana cufaati. Abbootii gadaan hafan abbootii gadaa gosaati.Maqaan abbootii gadaa waliin qaban Adulaa.

Abbaa Gadaa gosa Koonnituu ka baallii fuudhe
Abbaa Gadaa gosa Koonnituu ka baallii fuudhe

Abbootii gadaa sadeen malee namii sadeen hafe Hayyuu.Hayyoota tana gosa keessaa filan.Bulchiinsii Gadaa Booranaa Yaa’a.Fkn Yaa’a Harbooraa,Yaa’a Koonnituu fi Yaa’a Hawaxaa.Dubbii fixuu dadhaban Yaa'aan dhaqatan.

Abbaan Gadaa nama torba waliin baalli fuudha.Warri kun Torbaan Baalli jedhan.

Booranii damee lama qaba. Sabboofi fi Goona. Yoo fkn Abaan Gadaa fiixeen Sabbo tahee Goonaatti itti aana.Akkana jechaa Sabboo fi Goona, Sabboo fi goonaa jechaa wali tohachaa wal gargaaraa waliin hojjatan.

Gadaan Oromoo gaafa addunyaan addunya addunyaa tahuu dhiisiii bifaayyuu hin qamne keessa biyya bulchaa baate.

Gadaa Booranaa Adulaa 6n malee nama gosaa keessa filatame. Hayyuu, Makkalaa,Jaallabaa, Qaalluu jedhanii namuu akkuma qooda isaatti biyya bulcha.

Namii abbaa gadaati dubbii himu,aadaa guutuuf Bokkuu jedhan.Bokkuun jaarsaa lafa bulee ka warra dhiyoo baallii fuudhe ykn hayyuu tahe gorsu.

Abbaa Gadaa Koonnituu baallii fuudhe Boruu Diimaa
Abbaa Gadaa Koonnituu baallii fuudhe Boruu Diimaa

Boorannii silaa akka paartiitti yaamanii Gogeessa Lubaa ykn paartii shan qaba.Baaliin Gogeessa tokko ganna saddeetiin duubatti irra marti.

Gogeessii cuftii yoo dhaqqabate Raaba,Gammee,Kuusaa tahaa gadaa keessaa godaanaa aadaa guutata. Baaliin ganna ganna 40n duubatti irra marti.Gogeessii cuftii bara baallii irra martu waan beekuuf durattu nama kopheeffata.

​Paartii tanaan gogeessa ykn luba shana jedhan.Tanaaf namii cuftii gogeessa ufii ka keessatti dhalatu beeka.

Abbaa Gadaa Hawaxxuu ka baallii kenne Rooba Jaarsoo
Abbaa Gadaa Hawaxxuu ka baallii kenne Rooba Jaarsoo

Yoo abbaan gadaa baallii kennuu namii gogeessa baallii fuudhuu kuma hedduutti aadaa tana keessa jira.

Gadaan Oromoon bultuun tun waan mootummaan tokko qabaachuu male cufaa hinuma qabdi.Seerii Gadaan biyyaan bulchitu seera jabaa, heeraa,alaabaa (Faajjii) fi waan cufa qabu.

Dr.Borbor Bulee jaarsa argaa-dhageettiitii doktorummaa ulfinnaa kennaniif.

Jabeennii Gadaa Booranaa maan? Maanti bara kuma hedduu kana cufa keessaa asiin gahe jennaan.Gadaan bulchiinsa mootummaatii gadii mitii jedha.

“Aada fuudhaa,aadaa Buusaa-Gonofaa qabdi. Ilmaa fi niiti jabeessaniin. Aadaa dhaalaatti keessa jiraa. Haraa fi eelaan jabeesan. Niitii yoo fuudhan isiin intala gosaati.Yoo dhiirsii dabsellee isiin gosatti jabeessa. Tanaafuu dhiirsilleen niitii dabsuu hin dandahu. Rakkataan gargaaran. Hiyyeessa fi hiyyeetii, jaarsaa fi jaartiin gargaaran. Aadaa tanaan mukaa fi buuyyoo, bineensallee jabeessan,.aadaa qofaa mitii finnaa dhugaati," jedha.

Gadaan Booranaa seeraa fi heera ufiin bulchitu 370 caalaa qabdi jedha Dr.Borbor Bulee.Seerii kun waan cufaa oli.Waan hafe qophii toraan dhufuu keessatti itti deebina.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG