Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bilbilli Koo Akka Dhoksaan Dhaggeeffatamuuf Obaamaatu Ajaje: Prez. Traamp


Bilbilli Koo Akka Dhoksaan Dhaggeeffatamuuf Obaamaatu Ajaje: Prez. Traamp
Bilbilli Koo Akka Dhoksaan Dhaggeeffatamuuf Obaamaatu Ajaje: Prez. Traamp

Magaalaa Neew Yoork keessa kan jiru waajiira haadhoo “Traamp Tawoors” jedhamu keessatti bilbiloonni prezidaant Traamp itti gargaaramaa turan dhoksaan akka dhaggeeffatamaniif Obaamaan ajaja kennan jedhu Traamp.Himata isaanii kanas gargaartoonni prezidaantichaa kanneen Waayit Haawuus keessa sirrii dha jechuun har’a falmaa jiran.

Traamp himannaa isaanii kanaaf ragaa qabatamaa kan hin qaban jedhama. Dubbii himtuun Waayit Haawuus Saaraah Saandars akka jedhanti daayreekteera dhaabbata seera hojii irra oolchuu fi waajiira qorannoo federaalaa (FBI) Jeemes Komeey ka dubbatan Traamp fudhachuuf fedhii hin qaban.

Komeey akka jedhanti Obaamaan waan Traamp dubbatan akka dhoksaan dhaggeeffatamuuf ajaja hin laanne.Bara bulchiinsa Obaamaatti tika nagaa biyyoleessaaf Daayreekteera ka turan Jeemes Klaaper waan Traamp jedha kana ittiin falaman.

prezidaantTraamp sambata darbe Twitarii irratti akka barreessanti filannoon injifachuu koo yeroo muraasa dura bilbiloonni koo dhoksaan akka dhaggeefataman Obaamaan ajajuu isaa ammaan bira ga’e jedhan.

XS
SM
MD
LG