Xurree ittiin seenan

Ol Iyyaannaan Jara Zoon 9 Ammas Yeroo Biraatti Dabarfame

  • VOA

Ol Iyyaannaan Jara Zoon 9 Ammas Yeroo Biraatti Dabarfame

Manni Murtii walii-galaa kan ol iyyannaa dhaggeeffatu kanneen intarneettii irratti barreessan namoota shan irratti murtii har’a kennuuf ture ammas yeroo biraatti dabarsee jira.Galmee Soliyaanaa Shimallis irratti kanneen himataman namoonni shan Bafaqaaduu Haayluu, Naatnaa’eel Fallaqaa, Axnaafuu Birhaanee fi Abeel waaballaa irratti odeeffannoon qabu fi falmiin gaggeeffame hedduu waan ta’eef akkasumas qorannaa gaggeeffame wal xaxaa akkuma ta’e yeroo gabaabaa keessatti xumuranii murtii kennuun hin danda’amne jedhe manni murtii.

Murtii dhumaa kennuuf akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti Bitooteessa 11 bara 2009 tti bellama biraa kennuun himatamaa lammaffaa Befiqaaduu Haayluu ol iyyannaa dhiyeeffate manni murtii fudhatama dhabsisee jira.

XS
SM
MD
LG