Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu: Kutaa 2 ffaa


Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu; Kutaa 2 ffaa
Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu; Kutaa 2 ffaa

Hidhattoonni bulchiinsa naannoo Somaalee irraa dhufan yeroo baatii tokkoo fi walakkaa ta’uuf godina Baalee seenuun haleellaa gesisuu isaanii kan ibsan jiraattonni naannoo keessumaa saweenaa keessatti qofa haga ammaatti nama 17 ajjesan jedhu.Ummannis sodaatee manaa fi qe’e ofii gadhisuun dheessaa akka jiru dubbatu.

Angawaan nageenyaa maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan godina Baalee irraa akka jedhanti humna hidhannoo guutuu qabuu fi nyaatii isaa kan asqaaxilaa ykn qorqorroo keessaa ta’eetu haleellaa kana geesiisa.Dur bishaanii fi lafa dheedicha margaa irratti uummanni walitti bu’uun kan beekamuu ta’uus inni ammaa kun garu humna hidhateetu uummata irratti bobba’ee jechuun dubbatan.Abbaan warraa hedduun dheessee gaaratti waan galee jiruuf Hidhattonni kun mana namaa dhunfatanii hanga jiranti nagaan ni argama jedhanii abdachuun hin danda’amu jedhu aangawaan kun.

Angawaan mootummaa naannoo Somaalee tokko Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti akka haleellaa fi ajjechaan naannoo Somaalee keessatti gaggeeffamaa akka jiruu fi kanas ka raawwatu humna Oromiyaa keessaa otoo hin taanee humana alaati jedhan. Humna waggaa lama dura Oromiyaa jeeqaa tureetu deebi’ee jedhu.Garu maqaa hin dhoofne.Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayla Maariyaam Dassaaleeny immo milishootaa fi bulchiisoota aangoo irra jirantu rakkoo kana uumee jedhu.

Baatilee darban sadii keessatti godinaalee Oromiyaa shanii fi aanaa kudha afuur keessatti humnootiin somaalee kanneen hidhatan haleellaa geesisaa akka jiran bulchiinsii nannoo Oromiyaa beeksisuun isaa ni yaadatama. Godinaaleen shanan kun Godina Harargee Bahaa, Godina Harargee Dhiyaa,Godina Baalee, Godina Gujii fi Godina Boranaa yoo ta’an kanneen keessa kan jiran aanaaleen 14 walitti bu’iinsa kanan gaaga’amuu ibsamee jira.

Gabaasaa guutuu Kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

Walitti Bu’iinsa Daangaa Bulchiinsa Naannoo oromiyaa fi Somaalee Gidduu Jiruuf Sababaan Himamuu Wal Hin Simatu: Kutaa 2 ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:10 0:00

XS
SM
MD
LG