Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Senetii Haajaa Alaa Amerikaa rakkoolee hawaasii Itoophiyaa himate waajjira kongireesii Amerikaa keessatti caqafteef


Koree Haajaa Alaa Senetii Amerikaa yoo HR-128 Caqasan.Bitootessa 9,2017 DC
Koree Haajaa Alaa Senetii Amerikaa yoo HR-128 Caqasan.Bitootessa 9,2017 DC
Koreen Senetii Koree Haajaa Alaa Amerikaa rakkoo demokiraasii Itoophiyaa irratti dhugaa bahiinsa caqaste
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:52 0:00

Torbaan kana Oromoo hedduutti Waashingiton,DC keessatti walti dhufuutti jira.Kaan hiriira mormii kalee teessoo mootummaa Amerikaa keessatti bahaniif, kaan ammoo Kora Bulchiinsa Oromoo Oromo Leadership Convention fi kaan ammoo qophii dhugaa bahiinsa (Hearing) yaada wixinee ka HR-128 (House Resolution) rakkoolee dimokiraasiin Itoophiyaa qabdu jedhan irratti mari’atanii dhufe.

HR-128 Yaada Koreen Senetii Haajaa Alaa Amerikaa “Demokiraasii Itoophiyaa badii irraa oolchuu dandahuu” jedhanii kalee biiroo Senetii Amerikaa Reyben Buidlig keessattinamii hedduun itti dhufee mari’tan.

Yaada sun Miseensa Mana Maree Amerikaa Kiris Simiz(Chris Smith) tti gaafatamaa tahee dhiyeessee waahelallee itti barbaadachuutti jira.Waahelii innii itti barbaadatu Konigeesii Amerikaa keessa.Yoo waahela gahaa itti argate akka Senetiin Ameikaa irratti mari’atee waan namii Itoophiyaa keessatti mirga dhabee tahe jedhan fala itti barbaada.

Seenaa Jimjimoo jara rakkoolee Oromoo irra gahuutti jirtu jedhee dubbate keessa tokko
Seenaa Jimjimoo jara rakkoolee Oromoo irra gahuutti jirtu jedhee dubbate keessa tokko

Akkuma kanaan kalee,Bitootessa 9, 2017 nama Oromoo hedduu fi hawaasii Itoophiya garaalleen dhufee akka Oromootti,akka Amaaraatti waan isaanii fi naannoo isaan irra gahe jedhan Koree Haajaa Alaa Amerikaa Amerikaatti himate.

Itti aanee qorataan Human Rights Watch, dhaaba mirga namaa damee Afrikaa Feliksi Hornee fi porofeeserii Yuniversiti Joorji MeeyisenTerensi Liyyonsilleen waan mootummaan Itoophiyaa ummata isaa tolchuutti jiru jedhan waan qoranne jedhan dhiyeessan.

Jarii kun namii Itoophiyaa rakkoo hamaamtuu mootumaan Itoophiyaa ummata ufii tolche jedhan maqaa dhahaa dhiyeesse.

Marii koree Senetii Amerikaatii yaada wixinee HR-128 irratti
Marii koree Senetii Amerikaatii yaada wixinee HR-128 irratti

Bakka buutotii hawaasa Itoophiyaa gara garaalleen rakkoo Itoophiyaa keessa jirtu jedhan namii hagii tokko waan mana hidhaa Itoophiyaa keessatti isaan tolchanii fi waan argani rakkoolee hamaamtuu argine jedhan koree haajaa alaa Amerikaatti himatanii akka mootummaa Amerikaa Itoophiyaa gargaaru dhaabullee gaafatan.

Miseensotii Koree Haajaa Alaa Amerikaalleen jara rakkoo himate kana xalyaa mootummaan Itoophiyaa waan himataniin kanaa deebiin kennuuf ergate laalee jara wa himate kana gaafii gaafatanii rakkoon tanallee fala itti barbaaduuf waadaa galan. Tana torbaan dhufu itti deebina.

Kora Bulchiisna Oromoo(Oromoo Leadership Convention) Verjiiniyaa, USA keessatti itti jiran.

Korii kun akka warrii qopheesse jedhetti kama asiin duratti Atlaanaatti qopheessanii kutaa lammeessooti.Rakkoolee Oromoo irratti mari’atee fala itti barbaada.

Korii kun magaalaa Kiristaali Sitii hoteellii Hayaat Rejensi keessatti Jimaataa-Dilbataa taa’aaa nama 800 dhiyaatutti itti dhufa jedhan.

XS
SM
MD
LG