Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Meeshaa Misaahelaan Maadhee Waraanaa Siiriyaa Haleeluu Ishee Raashiyaan Balaaleffattee Jirti


Yunaayitid Isteets Meeshaa Misaahelaan Maadhee Waraanaa Siiriyaa Haleeluu Ishee Raashiyaan Balaaleffattee Jirti
Yunaayitid Isteets Meeshaa Misaahelaan Maadhee Waraanaa Siiriyaa Haleeluu Ishee Raashiyaan Balaaleffattee Jirti

Waraanni Yunaayitid Isteets, har’a ganama, haleellaa Misaahelaa maadhee waraanaa mootummaa Siiriyaa tokko irratti geggeessee jira.

Maadheen waraanaa kan haleellaan meeshaalee Misaahelaa Yunaayitid Isteets irratti geggeessame kun, kan yeroo dabre, waraanni Mootummaa Bashaan Al-Asaad, meeshaalee keemikaalaa irraa dhukaasee namoota Siivilii gara dhibba tokko fixe ta’uu kan dubbate waraanni Yunaatid Isteets, dhukaasni humnoonni isaa har’a geggeessan haleellaa Siiriyaa sana haaloo-bahuuf akka tahe dubbata.

Biyyi mirga abbaa-biyyummaa qabdu tokko irratti haleellaa weerartummaa geggeessamee fi ka seera sadarkaa Addunyaa cabse – jechuun ka balaaleffate, dubbi-himaan Prezidaantii Raashiyaa – Dimiitrii Peskoov, halellaan misaahela Kiruuziin Yunaayitid Isteets Siiriyaa irratti geggeessite kun, guruulee fiinxaaleyyii biyyattii keessa socho’an kanneen akka Islaamik Isteet, Al-qaa’idaa fi Al-Nusraa faa gargaaree jabeessa – jedhan.

Maadheen waraanaa har’a humnoota Yunaayitid Isteetsiin haleelame sun, bakka jeettonni Boombii darbatan irraa ka’anii shororkeessota biyyattii keessaa haleelan ta’uu dubbatu – Mootummaan Raashiyaa fi ka Siiriyaa.

Yunaayitid Isteets garuu, bakka Kibxata dabre kana, meeshaaleen keemikaalaa irraa dhukaasamanii kutaa IDLIB keessatti daa’imman dabalatee – Siiviloota hedduu fixan ta’uu dubbatti.

Ministriin dhimma-alaa Raashiyaa, walii-galtee nageenya qilleensaa biyyattiin Yunaayitid Isteets waliin mallatteessite rarraasuu isaa beeksisee jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Ameerikaan Haleellaa Siiriyaan Siivilota Irratti Raawwatte Haaloo Ba’uuf Maadhee Waraana Biyyattii Haleelte
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:25 0:00

XS
SM
MD
LG