Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibidda bara 2008 mana hidhaa Qilinxootti nama fixeef balleessaan ta bulchoota mana hidhaa moo ta jara ibidda jalaa baqachuu nama dhowweeti?


Milikkeeta mana murtii
Milikkeeta mana murtii
Ibidda man a Hidhaa Qilinxootti nama fixee balleessaan ta eennuuti?
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:14 0:00

Akka bara henna Itoophiyaatti Hagayya 28, 2008 akka gabaasa mootumaatti balaa ibiddaa mana hidhaa Qilinxoo keessatti kaheen walqabateen nama 23tti dhumate.

Koomishiinii mirga namummaa Itoophiyaa dubbii tana gama gamaan qorachaa bahee jedhee dhumatii tanaaf balleessaan ta bulchoota mana hidhaatii jarumatti itti gaafatamallee jedhee.

Badii tanaaf namii 21 ibiddaan,namii lama ammoo rasaasa waardiyaan nama ibidda baqatuu dhahaniin ijjeesani jedha gabaasii koomishiinii kanaa.

Tanumaafuu Koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa akka paarlaamaan Itoophiyaa jara kana,bulchoota mana hidhaa Qilinxoo balleessaa itti muru yaada dhiyeesse.

Akka abukaatoon seeraa obboo Wondimmuu Ibsaa, ka hidhamtoota Qilinxoo keessallee nama hedduu bakkba bu’ee seeraan gargaarau jedhutti ammoo wantii Koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa jedhu kun waan nama shakkisiisaati.

Maal jennaan nama balleessaa qaba jedhanii shakkan poolisiitti qabee qorata malee wantii paarlaamaa geessanii balleessaa qorataniif hin jirtuu kun gama seeraatiin yoo ilaalan waan nama shakkisiisaati jedha.

Akka obboo Wondimmuun yaada waan hidhamtootii mana hidhaa sun gubuun shakkaman jedhan ragaa tolfatee jedhetti jarii ibiddaa duraa baqachuu nama dhowwee balbala namatti cufee fi rasaasaan nama dhahe jedhan adoo beekamanuu hin qabamne.

Hidhamootii obboo Wondimmuun abukaatoo taheef ka mana hidhaa gubuun shakkaman “maqaa dhahanii ilaa ka nama fixe kuunoo, ebelu fa, ebelu fa isaanti kalaashiin rukte jedhanii nuu qabaa jedhanii dhaddacha irratti nu himatan,” jedha.

Jarii himatan kun poolisoota mana hidhaa sun eegan jedha obboo Wondimmuun.

Koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa ammoo hidhamtootatti seera malee waan akka kibriitaa fi waan ibiddaan qabsiisan dhossaan mana hidhaa fixee bala kana fide kanaaf bulchootatti itti gaafatama jedhe.

Akka jecha abukaatoo seeraa obboo Wondimmuutti ammoo mana hidhaa eegumsa guddaa hagas gahu jala jiru ka qopheellee baafatanii seenanitti wantii ibidda qabsiisaa dhossaan seenuun hin dandahamu waan ifa hin tahinitti jira.

Nama Hagayyaa 28,2008 mana hidhaa Qilinxootti dhume akka jecha abukaatoo seeraatti adoo waan isaanii jari sun dhumeen qoratanii hin beekin awwaaluun seera malee tanaafuu qorannoon Koomishiinii mirga namummaa Itoophiyaa kun waan nama shakkisiisaati.

Woma taateefuu warrii balleessaa tanaan himatan waan jedhaniin eegachuutti jiraa abukaatoon isaaniilleen falmuufiitti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG