Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteets Looltoota Leenjii Kennan Somaaliyaatti Ergite


Yunaaytid Isteets Looltoota Leenjii Kennan Somaaliyaatti Ergite
Yunaaytid Isteets Looltoota Leenjii Kennan Somaaliyaatti Ergite

Humnootiin Somaaliyaa fi humnootii gamtaa Afrikaa kanneen Somaaliyaa keessatti leellistoota waliin wal waraanaa jiran lenjisuuf akkasumas hidhachisuuf jecha looltoonni Amerikaa Moqaadishoo keessa qubachuu isaanii aangawoonni waraanaa kan Yunaaytid Isteetes raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Erga bara 1994 as humnootiin waraana Amerikaa kanneen lakkofsaan xiqqoo ta’an duula shoroorkeessoota irratti gaggeeffamu kan ilaaleen gorsa waraanaa kennuuf Moqadishoo keessa kan jiran ta’uus waraanni Amerikaa sirnaan Somaaliyaa yeroo seenu kun kan jalqabaa ti.

Waaltaan ajaja waraanaa Yunaaytid Isteetes inni Afrikaa keessaa biyyoota wal taatootaa fi michuu Amerikaa ta’aniif nageenyaa eegsisuu kan ilaaleen wal ta’uun kan hojjatu yoo ta’u gargaarsa gama nageeyaan barbaachisu in kenna jechuun waaltaa sanaaf ajajaa kan ta’an Paat Baarnas ibsanii jiru.

Tarkaanfiin kunis Amerikaan leellistoota hokkara oofan addunyaa irraa dhabamsisuuf yaalii ta’u keessatti deggersa qabdu agarsiisa jedhamee jira.

XS
SM
MD
LG