Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Gabaasaa Isaa Keessatti Himate ABO fi OMN Deebii Kennan

Kan Mootummaa Itiyoophiyaatiin hundeessame Komishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa sababaa fi daafoo mormii uummataa biyyattii keessatti geggeessamee, kan baatii Waxabajjii irraa haga Onkoloolessa bara 2016tti jiru qorachuudhaan ba’ee argadhe – jedhu, kaleessa, paarlaamaa Itiyoophiyaatti dhiheessee jira. Koomihinarri Koomishinichaa, Obbo Addisuu Gebre-egzaabiheer ibsa kennaniin hundeen kaka’insa mormii uummataa dhabamuu bulchiinsa gaarii fi malaammaltummaa Mootummaan duraanuu dubbatee ture ta’uu eeranii, dhaabonni qaawwaa sanatti gargaaramuudhaan mormii sana karoorfsuu fi afursuutti bobba’an immoo, kanneen paarlaamaa Itiyoophiyaatiin shororkeessummaatti farrajaman akka Adda Bilisummaa Oromoo faa fi kanneen seeraan biyya keessa socho’an akka Koongiresa Federaalawa Oromoo faa ta’uun hubatamee jira, jedhan. Dhaabonni Miidiyaa akka OMN yokaan ‘Oromia Media Network’s oduu mormii sanaa miidiyaa hawaasummaan facaasuun akka how’isan dubbatan. Waa’ee gabaasaa kanaa fi himannaa isaan irratti dhihaatee Addi Bilisummaa Oromoo fi OMN maal jedhan? Akka deebii gama isaanii nuuf kennan dubbi-himaa Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Toleeraa Adabaa fi Daarektara Ol’aanaa OMN, Obbo Jawaar Mohaammed haasofsiisnee jirra.

Kana cuqaasuun guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa

Kanneen Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Gabaasaa Isaa Keessatti Himate ABO fi OMN Deebii Kennan
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:08 0:00

XS
SM
MD
LG