Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetotii maqaan isaanii gurra addunyaa guute maratoonii Londoniif walti falachuutti jiran. Miilaa fayyaa argadhaa! jenne


TigistiTufaa Ebla,26,2015 maratooni London moote
TigistiTufaa Ebla,26,2015 maratooni London moote

Doolara kuma dhibba hedduutti badhaasaa lafa jira,nama kuma kurnya hedduutti irratti wal dorgoma.

Jarii kun hagii tokko atileetotaa ahgii guddaan ammoo namuma nafa ufii diriirfachuuf dorgomu.Dorgommii akkanaa tana dorgomuuf ammoo horiin baasuu malan.Horiin achii argamu ka dhaabbilee gargaarsaatii kennan tahan

Maratoonii London, Virgin Money London Marathon 2017 gaafa Ebla 23, 2017 karaa gugurdaa London irratti bahanii karaa km 43 irratti wal dorgoman.

Namii tokkeessoo bahe doolara kuma 55 harata,yoo rekordii addunyaa cabse ammoo doolara kuma 125 irra buusaniif akkanuma jechaa ka 12essoo baheef doolara kuma 1 badhaasan.

Atileetotii addunyaan bebeekamoon tana irratti walti qophaahuutti jiran. Rekordii maratoonii Londonii haga ammaa harka atileetota Keenyaa Eliud Kipchoge 2:03:05 (2016) fi dubraan ammoo Paula Radcliffe - 2:15:25 (2003) harka jira.

Keenyaan Maratoonii Boston torbaan dabree dhiiraa fi dubaralleen moote taan Meerii Keyitaa,Florence Kiplagat fi Vivian Cheruiyooti faa guurrattee dhuftee.

Ilmaan obboo Dibaabaa Qananii; Xuruneshii Dibaabaa fi Maaree Dibaabaa faatilleen keessuma jiran.

Fayyisaa Leellisaa ka wannii hujii jedhee fi tolcheef mataa oduu addunyaa taatee faarsuutti jiranilleen warra moohuuf eegan keessaa tokko.

Qananiisaa Baqqalee ka bara Maratoonii Berlin 2016 moo’e, Tigisti Tufaa ganna sadiin duratti Maratoonii Shangaayii 2:06:40 mootelleen warra tanaa abdatan keessaa tokko.

Atileetoa Ertiraa bebeekamoo Ghirmay Ghebreslassie, Abraham Taaddesee faatilleen warra tanaa abdatan.

Maanti tahuuf deemaa eennutti maan tolchaa, maan dhageennee arginaa? Tana iftaanuma walumaan laalla.Milkaa'aa miilaa fayyaa argadhaa! jennee warra wal dorgomuun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG