Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Garaa haadhaa keessaa wa baratanii hin bahan namii cuftii waaan dhalateef qaba. waan keenna jabeeffannee obsaan qorachuu malle"


Lalistuu Toofiq
Lalistuu Toofiq
"Namuu waan dhalateef qabaa ummata keenna ha gargaarruu"
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:51 0:00

Lalistuu Tooofq diqqeennumaanuu waan akaakuun isii itti hime barreeffchaa lafa keeyyachaa dhufte.Qaraa seenaa akaakuu isii barreeffachaa,isuma irraa aadaa fi seenaa barachaa guddatte.

Qalbuma suniin amma kitbaa shanii fi fiilmii shan barreessite.

Fiilmiin isii shanan:

1.Ceefaa fi Fokkoo: Waan aadaan lagatanii fi hin lagannetti keessa jira.

Lalistuu waan argitu irraa kaatee kana barreessite.Fkn fiilmii kana keessaa siirba Abdullaahi Jirmaa ka innii amala ijoollee laalee egeree isaan dura sirbaan raagee sirbeetti keessa jira.

“Inatla qajeeltuu gorsa warra isaanii womaayyuu hin seetuu--- hin aargineef ibiddaan taphattaa---warrii diraa kun naasuu namaa hin qabu.” jechaa waan ijoollee magaalatti galtee amalaa fi ufii gattee fakkeessee sirbe.

2. Nu Tokkuma:Kun waan tokkummatti dubbataa.Keesssattu waan Booranaa fi Gujii.

3.Ufi Beeki-kana keessaa waan cufa caalaa ufuma beekuun barbaachisaa akka tahe barreessite.

4.Waan Ufii:Kana keessatti aadaa ufii,jabeenna ufii,qaroomaa ufii fi waan ufii cufaa beekuu akka malan.

5.Qaroo:Waan qaromii uumamaanuu qamnu dubbataa jetti Lalistuun. "Gadaa,Cirreessa fi Cireetii,qarooma dubbii,qarooma ogumaa fi qarooma Waaqii nuu dhale hedduutti keessa jira."

Fiilmii kana keessaa haga tokko akka dokumenterii hojjachuu feeti.

Kitaabii isii ka isiin waan hedduu keessatti hojjachuu feetu keessaa tokko ka waan “Guddisa Ijoolee” keessatti barreessite.Kitaaba kana keessatti akka Boorannii ijoollee itti guddifatu, maan jedhee akka faarsu,diqqeennaan maan akka barsiifatu,afaan ceeraa fi fokkoo; waan lagachuu malanii fi waan hedduutti keessa jira.

Fkn faaruu ijoollee keessaa “Ijoollee… ijoollee…daraaraa rukeessaa daraaraa…daraaraa dureessaa- qabee waaqatti urgeessaa...”

Kaan ammoo “Dahlaee tiyya ma bootaa…boottee qalbii na qoodaa.. dhalanii dhaananii dhalanii yaamanii…”

Amalii Lalistuun wayiin barreessuuf qabdu “Fillimii kana shananuu guyyaan hin barreesu halkan barreessa.Yoo hiriiraa gadi gadi ciisu wantii barreessuu mataa keessa na murti.Haga kahee hin barreessin rafuu hin dandahu.”

Lalistuun karoora hedduu qabdi.Kitbaa Guddisa Ijoollee kana dokumenteriitti deebisuu feeti.

“Dafnee dadhaqabuu baannaan ijoollee kaartuun daawwachaa waan ufii gataa guddatti.”

Akka jecha isiitti namii dhalootaan wa beeku hin jiru.Namuu yoo obsaa fi karoora qabaate,abdii kutachuu baate waan hedduu hojjachuu dandaha.

“Amala waan ufii barreessuu,guddisuu,amala wa barreessuu qabaachuu fi wa dubisuu qbaachuu malle.”

Gara feenu yaanullee ceera ykn safuu qabaachuu,wal qarqaaruu,beesee qofaa miti 'jabaadhu' jechuun waan guddoo jetti.

Lalistuun inatala ganna 23ti.Yuniverstii eebbifamte.Huji isii tanaa fi maatii, dhalaa fi hariyaa hedduu galateeffatti.

Keessattuu Shaalaqaa Jaatanii Alii nama kitaabii kun yaada guddinnaa,jaalaa fi ufi beekuu innii lafa kaahe irratti barreeffame galateeffachaa barreessite.

Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu Adoolessa 2,1992 Keenyaa Naayroobi keessatti galaafatan
Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu Adoolessa 2,1992 Keenyaa Naayroobi keessatti galaafatan

"Gaafa innii jiru beekuu dhaqabachuu baadhullee Jaataniin nama ummata isaa guddisuu, barsiisuu jedhee ufi kenne.Innii jiraachuu baatullee hujiin isaa addunyaa tana irra jirti.Shalqaa Jaatanii biyyeen sablatinnaaf.”

Lalisuun akka namuu horii qofaa mitii haga guddaan yaadaan wal dhaabatu feetu.

“Wal qarqaarsii beesee walii kennan qofaa mitii‘jabaadhu’ jechuun waan guddoo tokko. Garuma feetellee deemtu Ceeraa fi fokkoo aadaa teetii qabaachuu malte.”

Namii garaa keessatti wa baratee bahee hin jiruu namuu karoora qabaatanii waan hojjatan sun jaalannaan hinuma taati jetti Lalistuun.

Lalistuu Toofiq magaalaa Dirree,Godina Booranaatti dhalattee kitaabaa fi waan hujii aartii isii manneen kitbaaba Oromoo hedduu keessa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG