Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya hedduutti walabummaa amantii ummata isaanii dhiibuutti jira


Annual Report of the US Commission on International Religious Freedom
Annual Report of the US Commission on International Religious Freedom

Koomishiinii walabummaa Amantii Amerikaa sadarkaa addunyaa International Religious Freedom baruma baraan akka walabummaan amantii itti deemtu irratti gabaasa baasa.

Koomishiinii kun waan ganna 20 keesatti takkuma hin jedhin jedhee gabaasa baase.

Bulchinsaa fi seerii Raashiyaan biyyaan bulchitu jalaa haga gubbaatti mirga namaa dhiibaa,seera mana murtii malee nama hiisisaa, akkii biyyitii tun namaan bulchuutti jirtu nama yaaddessitu jedha Koomishiinii kun.

Maark Daanihlee Koomishiina dhaaba eegumsa amantii Amerikaa sadarkaa addunayati.

“Wannii qaraa ka pirezidaantiin USA diidessee mootummaa Raashiyaatiin jechuu male garii walabummaan amantii itti deemuutti jirtu waan nama yaaddessaati. Yaaddoon tun seera qofaa mitii akkii ariifatanii ittiin hojjachuutti jiraniiyyuu murtii teenna dhibuutti jirti”

Manii murtii walii galaa Raashiyaa amantiin Jihoovaa ta dhaaba biyya nagaa dhowwuuti jarii kun waan harkaa qabu cufaa mootummaatti haa kennuu jedhee ganna dabre keessaa dubbii mure.

“Isan warra biyya nagaa dhowwu namaan jechuun dhugumaanuu waan maqaa namaa yakkaati. Jovohaava witnessiin iin akkana jechuu hin malle.Lafa 240 keessa jirra.”

Akka jecha Roobert Waarenitti Raashiyaa keessaa amantoota Johoovaa 175,000 jira.

Eegii Raashiyaan Johoovan amanti biyya nagaa dhoortu jette marsaa interneetii isaaniillee cufanii kitaaba Johaavaallee Raashiyaa dhfuu dhowwan.

Motummaan Eeritaalleen dhaabbilee amantii guddoo rakkisuutti jira.Eeritaatti amantiif jedhanii nama dhaananii nama gaargalchanii, seera malee haga fedhan nama hidhan,maqaa amantiitiin walti bahuu nama dhowwan.

Amantii nama keessaa seenanii waan fedhan nama tolchan.Keessattu amantooti wangalaa, ka Johoovaa fi Pentekostaal faatii warra tanaan rakkisan.

Mootummaan amatii Orotodoksifi ta musliimaallee akkanuma rakkisuutti jira. Koomishiinii walabummaa amatnii damee minsitera haajaa alaa Amerikaa jala jiru kun bara 2004 jalqabee Eeritraan biyya namii amantii fedhe qabaachuuf guddoo itti rakkatu jehdee gabbaase.

Biyya C-A-R-keessalleetti inamii gama amantiitiin rakko guddoo keessa jira. Achitti ammoo namatti maqaa amantiitiin wal hadha.Lola amantii kiristaanaa fi musliimaa nama hedduu fixe.

Lola amantii walii jibbee wal hadhu kanaan nama kuma hedduutti Masjida C-A-R magaalaa Banguusawutti baqate.Jarii kun milishoota Kiristaanaa ta Musliimaa fi hojjattoota Tokkummaa Mootummootaallee fixu kana baqate.

Maynaamaaritti ammoo hujii mootummaan fi amalii gosa tokko nama jibbisiisu fidaniin amantoota Musliima Rohingya biyyaa baachiise.

Kiristaanii biyya sunii diidessee waan amantii ufii dubbachuu dhowwan haga tokko giddeessanii amantii Budaahisim fudhachiisan.Mootummaan ammoo tana cufaa hin mormata.

Paakistaanitti ammoo koomishiinii kun akka seerii nama maqaa waaqaa xureesse adabsiifu hafu fedha.Maan jennaan kun keeyyata 18essoo Tokkummaan Mootummootaa mirga ilmaan namaa addunyaa abbaa waan fedhe jechuu dandahaa jedhuun ala.

Koomishiinii walabummaa amantii kun biyya tamitti namii maqaa amantiitin dhibamuutti jiraa jedhee biyya 35 qoratee gabaasa kana baase.

Mootummaan Amerikaa kun waan amantiitti fedhan qabaachuu nama dhowwaatti callisuu hin malle jedha Koomishiinii kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG