Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka gabaasa Yaa’ii Mirga Namaa Itoophiyaa(Semegu)tti Itoophiyaatti marsaa lamaa keesatti nama 22, 000 caalaa hidhan


Irreechaa Hora Arsadee irratti hirmaattonni oggaa mormii agarsiisan, Onkoloolessa 2, 2016
Irreechaa Hora Arsadee irratti hirmaattonni oggaa mormii agarsiisan, Onkoloolessa 2, 2016

Itoophiyaatti Yaa’iin mirga namaa Itoophiyaa eegu,Semegu jiha sagalallan dabaran yeroo labsii muddamsuu baasan keesatti gama mirga namaa eeguutiin Itoophiyaa keesatti rakkoo hedduutti jira.

Akkuma kanaan marsaa lamaan nama 22,525 hidhan.Kana keessaa nama nama asi cophxee dhaban,nama haga 8 ammoo hidhamuun isaanii mirkana taatullee maan keessa akka jiran hin beekan.

Warra hidhanillee dhugaa baasisiifna jechaa ulee hamtuu dhaanaaa gaargachalan jedha Semeguun ragaa warra hidhaa bahe gaafadhe jedheen.

Semeguun rakkoolee jirtu silaa akka dansaa odeeffachuuf labsi muddamsuu ta ammaatii fi sodaa jirtuufuu fi waan akka akkaatiifuu dhugaa jirtu akka dansaa argachuu hin dandeebbe jedha.

Semeguun odeefannooo tana Oromiyaa godina 10 aanaa 24 keessaa,naannoo Amaaraatti ammoo godina 4 fi aanaa 6,naannoo ummata Kibbaa keessaa ammoo godina 2 fi aanaa 2 keessatti odeeffannoo walti guurrate.

Bulchiinsa Finfinnee keesaa ammoo odeeffannoo tana naannoo Yakkaa, Boolee,Qirqoos,Araadaa,Aqaaqii Qaallitt, Lidetaa, Kolfe Qeraaniyoo,Nefas Siilkii Laaftoo fi Addis Ketemaa guurrate.

Akka Semeguutti rakkoon ummata irra geette ta amma jedhaniiyyuu oli.

Fulaa tokko tokkotti ammoo akka Semeguutti giddeessanii nama buufachuu, horii nama saamuu,walti qabanii hidhaatti nama guuranii kaan ammoo rakkoo tana baqachaaf bahe badaa jedhan jeda.

Mootummaan waan ummatii gaafate kana akka gabaasa Semeguutti karaa qajeelaa seera qabeessaatiin deebisuu qaba malee ukkaamsee,dubbachuu nama dhowwuun hin taatu.

Semeguun akka mootummaan Itoophiyaa akkuma dhaabbileen akka Tokkummaa,Waajjira Koomishiini mirga namaa,Koomishiinii mirga namaa fi ummataa fi dhaaabileen dhibiilleen gaafatan dhaaba qabeenaa fi lubbuu tana irratti badde walabatiin qoratamtu gaafatanii eeyymauu male.

Semeguun aramaan durallee waan Waxabajjii haga Fulbaana 2009 keessa nama tolchan jedhee paarlaamaa Itoophiyaalleetit himate.

Melekaachoo Ammahaa tana irratti deebii mootummaa argachuuf jedhee dadhabee jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG