Xurree ittiin seenan

Ogeeyyotii Fayyaa addunyaa Ebola Koongoo argan,hortee isaa amala fi adaba isaa qorachuuf baddaa fi gammoojjii biyya sunii jiran

  • Soraa Halakee

Kuusaa suuralee- Hojjatoota Fayyaatti nama Eboolaa irratti arganiin wallaanee akkana ufi qulqulleessa. Monorooviyaa Laayberiyaa.

Eboolaan dhukkba vaayireesin dabru ganna lamaan duratti biyyoota Afrkaa Dhihaa; Giinii,Laaybeeriyaa, Seraaliyoon fa irraa nama 11,000 caalaa hobbaase.

Addunyaalleen ogeeyyota achitti ergitee dhiba kana gannaan duratti achii baalleessite.Taatullee Ebolaan dhiyoollee mumullachuutti jira.

Dhibii kun biyyoota Gammoojjii Sahaaraatii gadiii jiran guddachuu dhowwuutti jira.Guddinnii biyyoota tanaa silaa bara 2015 keessa harka 5 tahuu male harka 4.5 qofa irraa tahe.

Akka Baankiin addunyaa jettetti bara 2014 qofa biyyootii Afrikaa Dhiyaa horii silaa argachuu malan doolara Amerikaa biyoona 25 dhaban.

Afrikaanuu yoo walti deebisan horii silaa bara 2015 keessa argachuu malte doolara biliyoona 500 haga biliyoona 6 fi miliyoona 200 dhabde.

Dhiba kun ammallee ardii Afikaattu nama haga 5 fixee haga 40 dhiba kana fakkaatu irrati argan.

Ogeeyyotii addunyaa ammallee ya mataa duulaa sunitti dacha’an.Eboolaatti duuluutti jiran.Horteen dhiba kanaa maan akka tahee fi dhiba duraan Afirkaa Dhiyaatti arganiin wal fakkaatu qorachuutti jiran.

Warra gaafa dhiba kana Afrikaa gama Dhiyaatti ergan Waldaa Afrikaa fulaa bu'ee Laayberiyaatti duule keessaa tokko Dr.Galma Guyyoo.

Milikeetii Eboolaa haga dabra nama danfisiisa,humna nama irra jissa,yoo fulaa lubbuutiin gahe amma afaanii funnaanii fi fulaa nafa namaa qaaha qabdu cufa keessaa dhiiga nama oofa jedha Dr.Galmii.

Amma Naayrboo hospital Naayroobii keessa hojajta.Doktorota Afrikaa gama Waldaa Afrikaatiin dhiba kanaf Laybeeriyaatti duulan keessaa tokko.

Dr.Barbara Knuts Amerikaatti Dhaaba Tohannoo Dhukkubaa Center for Disease Control (CDC) keessaa hojjatti.

Qorattootii dhaaba CDC lama qorattoota fayyaa Dhaaba Fayyaa Addunyaa, World Health Organization(WHO)faa fi miilota isaaniitti dabalamanii hortee eboolaa,amala isaatii fi nama dhiba kana irratti arganii barbaadanii wallaanuunii DRC, godina Latikaatti baddaa fi gammoojjii olloota sunii keessa jiran.

Amalaa fi adaba dhibaa kanaa,hortee isaa qorachuutti jiran.Akka Dr.Barbaraan jettutti dhibii kun ka duraan arganiin wal hin fakkaatu.

“Akka nu quba qamnutti dhibii amma mullate kun gamuma tokkolleenuu ka bara 2014 fi 2016 keessaa Afrigaa Gama Dhiyaatti arganiin wal hin fakkaatu fakkaata.”

Dhibii amma argan kun horteen isaa maan fakkaati jennaan

“Eboolaan amma DRC keessatti argan kun ollaa biyya biyya sun keessaayyuu fagoo jiru ka makiinaa dhiisii xuyyuuraanuu itti bahuun jajjabduu taate Latikaa keessatti argan.Fulaa duruu sanyii Eboolaa hedduu keessatti arganitti aragan. Fulaa dhiba kana itti argan kanatti nama naannoo sunii guddoo qorachuutti jiran.”

Ogeeyyotii fayyaa addunyaa tun waan dhiba kanaa waan argan torbaan diqqaa keesastti biyyatti himuuf hujiitti jiran.

DRC-n wadhakkaa biyya hedduu jirti.Laftii amma dhiba kana keessattia argan magaalii Latiikaa lafa baaddiyaa karaa hin qmane itti bahuun dhibaati.Dhibii kun dafanii faluu baannaan biyya hedduutti dabruu dandaha taatullee ammaan tanaayyuu addunyaan itti wal gargaartee hojjachuutti jiraachuun furmaata tokko.

XS
SM
MD
LG