Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abukaatoo: Manni Murtii Fedeeraala Itiyoophiyaa Har’atti Himatamtoota Beellame yeroo isaan achi gahan cufaadha Abbaan Alangaas Hin Jiru


ethiopian federal high court
ethiopian federal high court

Dubbii itti gaafatamtoota KFO hardhallee beellamaan dabarsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:33 0:00

Abbaan alangaa addaa federaalaa miseensota bulchiisa ol aanaa kan paartii Kongiresa Federaalawaa Oromoo, obbo Gurmeessaa Ayyaanoo, obbo Dajanee Xaafaa, obbo Addisuu Bullaalaa fi obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee himatamtoota 22 irratti jala murtii kennuuf bellamnii hara’tti kenne ture ammas hin milkaa’iin hafee jira.

Abukaatoleen himatamtootaa akka ibsanti har’a waaree booda mana murtii sadarkaa olaanaa Fedeeraalaa isa Lidataa jiru yeroo ga’an dhaddachii cufaa akka ture dubbatan. Abbotiin mutiis ta’e abbaan alangaa hunduu hin jiran.Sana booda iyyaafannaa keessa bellamnii yeroo sadaffaaf jijjiramee Adooleessa 6 bara 2009ti qabamuu dhageenye jedhan.

Maatiin hidhamtootaa fi himatamtoonni kannen biroo har’a mana hidhaa Qilinxoo irraa dhaddachatti diyaatan abukaatootaaf akka ibsanti himatamtoonni 22 har’a daddacha duratti dhiyaachuu akka hin dandeenye kaleessaa fi har’a manni murtii Qilinxoo itti himee jira.

Manni murtii bellama kana yeroo sadaffaaf jijjiruuf sababan kenne hin xumuriin jirra ka jedhu yoo ta’u mana murtii Qilinxootu bellamnii akka jijjiramu godhe kan jedhu dhaga’uu isaanii abukaattonni dubbatanii jiran.Maraafuu dhaddacha irratti ituu hin dhiyaatiin bellama jijjiruun dogoggoora ta’u abbaan murtii nutti himan jedhu abukaatoonni.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG