Xurree ittiin seenan

Afrikaatti guddinnii teknooloojii akka namii mirgaa fi bitaa akka dansaa quba qabaatee siyaasaallee keessaa qooda qabaatu tolche

  • VOA

Qaroomii addunyaa toluun akka namii addunyaa quba qabaatu tolche

Tokko caphu tokkoon qaladhaa durii durii taan taate kunoo.Qaroomii jabanaa woma hedduun gadi dhufuutti jira.

Internetiin jiraachuun apps, social media ykn saqbqunnamtii ummataa fi wannii qaroomii addunyaa guyyuma guyyaan gadiin bahu addunyaa nama gaaddisa tokko jala boqotu tolchuutti jira.

Walumattuu yoo deebisan ‘digital democracy’ karaan interneetiitiin namii bulchoota fi mootummaa ufii waan fedhan jechuun dandahu tolche.

Guddinnii teknooloojii gama kanaan mullatu digital demokiraasii kun akka namii Afrikaa siyaasaa keessaa qooda qabaatu tolcheeyyuu.

Gama kana faan barinuu tolee namuu rakkoo himachuuf,waan jiraa dubbacuuf raadonii fi TV qofa hin eegatu bilbilaa ufi gadi butee ykn ammoo borsaa ufii keessaa komputera luqqifatee oolmaa fi bultii addunyaa haga dandahuun laallata.

Fkn wa bitachuu fi kiraa baasuuf wannii horii qabatanii lafaan maraniif hin jirtu.Nyaataa dhugaatii fedhan manuma, taakkisin karaan deeman yaammachuuf fuluma fedhan taa’anii bilbila fi komputera irraa hajajatan.

Teknooloojiin woma hedduun dhuftee Cafii! Akka gorsituun dhaaba odeeffannoo Tanzaaniyaa Mariyaa Sarungii jettutti qaroomii teknooljii ya Afrikaatti gadi farqate.


"Jireennii namaa waan hedduun jijjiramuutit jriaachuu isaa argina. Badhaadha, horii, hujii fi milkii dansaa hedduun dhufee.Tana qofaa mitii akka jarii siyaasaayyuu keessaa qooda qabaatu tolchite.”

Sarungi nama gama teknooloojii kanaan Tanzaaniyaa jijjiiruuf dhaaba ‘Change Tanzania’ jedhu yayyabe.

Dhaabii isaa innii gaafas yayyabe kana qaraa afaanuma lamaan jalqabanii amma ammoo achii dhaaba namii dhiphuu fi bal’inna irratti maritu tahee “app” isaatiin lafa mariif chochoosuutti jiran.

Sochii tanaan akka fulaa otoobusii dhaabanitti kaameraa dhaabanii fi haroo ummtaa qulqulleessaanille gamuma kanaan gaafatan.


"Durii namii karuma irra tataahee lallabaa waan siyaasaa dubbachaa yaa’a.Amma ammoo waan lallabsaa arganne.Sociall media kanaan waan durii kophaa jettu amma ummata waliin jetta.”

Ugaandaatti ammoo marsaa interneetii ‘Yogera’ jedhanitti jira.Yogera jechuun Afaan isaaniitiin qoonqoo oli fudhadhuu dubbadhu jechuu.

Kanaan akka ummatii tajaajila mootummaan ummataa kennuu male argatuu fi warra horii ummataa balleessu irratti wal himanii mari’atan.

Marsaan interneetii keenyaa ammo ‘Mzalendo’ jedhanitti jira.Kana irratti haga guddaan waan abbootii siyaasaa balleessaam,karaa jari horii ummataatiin fixuu fi mirga ummatii argachuu malee dhabe irratti dubbatan.

Taatullee akka jecha Sarungitti caasaa hawaasaa sun dhiba ufiillee hin qaba.
"Mootummaa waan gama kanaan dhufaa akkuma lafa irralleettii tolchu ufumatti qabaadhatuuf deemu argina.”


‘Jamili Forums’ dhaaba dhuunfaa ka rakkoo biyya keessa jirtu ummatti himuuf yayyabame.Hojjatoota dhaaba kanaa keessaa tokko nama Meeloo jedhan.

Nama kana ganna dabre keessa wanjala caasaa interneetii irratti hojjate jedhanii balleessaan himatan."Namii waan kanaan himatan Meeloon waan anaa fi miilotii kiyyalleen mootummaa jibbuuf hujii tana hin hojjannee jedhanii mormachuutti jiran.”


Dubbii isaa ji’a dhufu mana murtiitti laaluuf beellama qabaniif.Yoo teknooloojiin akkana guddatte ammoo jarii irreen biyya bulchu hin gammadu.Maan jennana wannoo jarii hojjate gadi baatii.

Tanaaf bulchootii biyya Kaameruun nama miliyoona hedudu irraa interneetii kutte.

Ummatii hiriira itti bahee jennaan interneetii irraa cire.Wannii akkanaa kun fulaa hedduu keessaa mullatti.

Akka dhaabii Faransaay tokko jedhutti mootummaan biyya Afrikaa hedduun yoo siyaasaa isaa irratti jibbanii mormaniin interneetii irraa cira.

XS
SM
MD
LG