Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manii Marii Ministeroota Itoophiyaa faaydaa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argattu jedhee irratti wixinee baasee labse


Finfinnee Ammajii 9,2017
Finfinnee Ammajii 9,2017

Faaydaa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argattu
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:03 0:00

Akkuma kanatti Finfinneen Oromiyaatti akkuma durii Finfinnee jedhaniin. Sadarakaa addunyaatti,ardiittii,akka biyyoolessaatti,akka mootummaa federaalaatii fi bulchiinsa magaalaatti ammoo Addis Ababa jedhanii yaaman.

Fifinneetti Afaan Oromoo afaan hujii tahanii hojjatan.Labsii manii marii laaluuf deemu tana nama hedduutti irratti mari’achuuf taa’a.

Yaadii ammaa bahe kun waan seera bulmaata mootummaa Federaala Itoophiyaa bara 1987 bahe keessa jiru.

Seerii gaafasii lakkoofsa 49 keeyyata 5 keessatti faaydaa addaa Oromiyaan Fifninnee keessaa qabdu eeganifii keessaa keessoo isii ammoo seeraan mirkansaniif jedha.

Seera wixinee kana baasuuf marroo hedduu carraaqanii hojjachaa bahan jedha gabaasii misnisteooraa mootummaa kun.

Faaydaan Oromiyaan Finfinnee keessaa qabdu kun faaydaa ummataa dhibii,Oromoo hin tahin Fifninnee keessa jiraatu gama tokkolleenuu jalaa hin tuquu.

Isumaa karaa qajeelaan akka waliin jiraatanii faaydaa waliin qabanillee jabeeffatan tolchaaf jedha gabaasii kun.

Faaydaa addaa Oromiyaan Finfinnee keessaa argatti jedhan keessaa tokko bulchiinsii Fifninnee maatii ijoolleen isaanii afaan Oromootiin afaan baqaffataniif, Finfinnee keessatti mana barumsaa Afaan Oromoo barsiifachuu fedhan mana barumsa sadarkaa tokkeessoo qopheessaaf.

Akka Oromoon afaan ufiitiin tajaajila aadaa,aartii fi tajaajila gara garaa argatu tolchuuf afaan Oromoo Finfinneetti afaan hujii tahan.

Wantii eennummaa Oromoo mullisaa Finfinnee keessa dhadhaabuulleen waan wixinee labsan keessatti bahe keessaa tokko.

Akkuma kanaan waan seenaa fi eennummaa Oromoo keessatti beekan Finfinnee keesssatti dhaabuuf deeman.

Karaa,waljajjii,ollootaa fi maqaa fulaa hedduu akkuma durii Oromoon yaammatuunitti jijjiiramuu qaban jedha Wixinee kun.

Maqaan Finfinnee jedhuu fi Addisa Ababa jedhu seera duratti walqixxee ulfinna qaba.

Bulchiinsii Finfinnee bajetuma ufiitiina qonnaan bulaa Oromootii fi hawaasa qabayaa seera qabdu dhaabeefii akka faaydaa irraa argatan tolchaa jedha.

Qonnaa bulaa Oromoo qahee isaa irraa buqqahellee akka innii mirga handhuraa ufii ka dhabe argatu tolchuuf waajjira dhimmi sun laaluufitti jaarama.

Warra duraan buqqa'ee waan isaaf male hin argatanillee qoratee waan qajeelachanifitti jiraa jedha wixinineen kun.

Marii seera wixinee hedduu baafte tana keesatti paartii OPDO,bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa,bulchiinsa naannoo Finfinneetii fi bulchoota mootummaa federaalaa hedduutti qooda keessaa qaba.

Wixinee tana irratti mari’atanii seeratti jijjiiruuf ammoo nama heddutti irratti mari’achuuf deema.

Mootummaan Federalaa rakkoolee naannoo Oromiyaatii fi Amaaraa hiriira nama baafate faluuf jedhee rakkoo isa keessa jirtu falee,gaafii ummataa deebisaa jedhee hojjachaa bahee jedha.

Taatullee labsiin wixinee amma baate tun waan hiriira kanaatiif bahuu fi dhibaachuu isii wantii gabaasii koree ministerooraa kun jedhe hin jirtu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG