Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Qorannoo Oromoo Jireennaa-Jjiruun Oromoo Gadaa keessa jira jedhee Pr. Asmeroom Leggeseellee itti yaammatee DC-ti kora taa'utti jira


Oromoon Gadaa malee Gadaan Oromoo malee hin taatu kora OSA bara 2017
Oromoon Gadaa malee Gadaan Oromoo malee hin taatu kora OSA bara 2017

Oromoon Gadaa malee Gadaan ammoo Oromoo malee hin taatu jedhe koratti jira OSA-n
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:14 0:00

OSA (Oromo studies association) kora hayyootii Oromo baruma baraan seenaa,eennummaa,dhiphuu fi bal'inna Oromoo qoratanii baasan

Korii amma Waashingiton DC,yuniverstii George Washington keessatti taahuuti jiran kun 31essoo.

Keessummaa tanatti yaaman keessaa tokko pr. Asmaroom Laggaseeti. Gadaa irrtti waan hedduu barreesse.Kitbaa Porofeser barreesse keessaa:

Oromo Democracy: An Indigenous African Political System

Gadaa:The three approaches to the study of African societies

Gadaa:Democratic institution of the Borana Oromo.

Mataan marii baranaa Gadaa as an Organizing Theme of Oromo Life jedha, Gadaan yayyaba jiruu fi jireenna Oromoo jechuu.

Dr.Izqiheel Gabbisaa pirezidaantii Waldaa Qorannoo Oormoo ka baranaati.

"Jiruu fi jireenna Oromoo wanti qindeessaa Gadaadha.Aadaa Oromoo, eennummaa isaa,beekums fi ,duudhaa isaa qorachuuf, qoratanii katabanii maxxansuuf ka qindeessu Gadaadha,” jedha.

Akka jecha Dr.Izqiheelitti UNESCO-nis waa Oromoo ka lafa jiraa kan Oromoo qabu qoratee waan argeef addunyaan wal barsiise malee waan nu hin qamne nuu hin kennine.”

Beektonnii Itoophiyaa Gadaan baddee jedhanillee Gadaan hinuma jira.Isumaa akka haaraatti dhaltaa jira.Abbootii Gadaa akka abaaboo biqilaa jiran.Gadaa jechuun seeraan buluu jechuu.Gadaa keessaan ufi argina.Oromoo achi keessaan ilaaluu baannaan eennummaa isaa hin beettu.”

Kora OSA ka baranaa waraqata qorannoo 60 dhiyaat.Kana keessaa torba Gadaa keessatti qoodii dubaratootii qaban maan maan akka tahe dubbata.

Kana malee aadaa,amantii,dinagdee,bulchiinsa,seenaa fi waa hedduutti jira.

Porofeser Asmeroon Leggesee nama jireenna isaa keesatti Gadaa qorachaa bahee kitaaba hedduullee barreesse.Baranallee kitaaba fuula 400 dhiyaatu qabu barreessee OSA irratti dubbatee dhiyeessuuf deema.

Gadaa fi Oromoon wal biraa hin hafanii waldaan OSA-n ammoo achi keessaan Oromoo ilaalaa jedha,pirezidaantiin OSA Dr.Izqiheel.

Korii baranaa Adoolessa 28-30,2017 asitti taa'a

Oromo Studies Association (OSA)
Annual Conference
July 28th - 30th, 2017
Washington, D.C.
The George Washington University

www.gwu.edu

www.oromostudies.org/

oromostudies.org/about-osa/osa-events/2017-annual-conference-registration.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG