Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Justin Gatlin hadhuma hadhee jalumatti gogee shaampiyoonaa London irratti Useen Boolti moo’ee warqii irraa fudhate


Atileetiin Amerikaa Justin Gatlin jalumatti maxxanee Useen Bolti moo'e.Gatliin ka jidduu wayaa bulee keeyyate sun
Atileetiin Amerikaa Justin Gatlin jalumatti maxxanee Useen Bolti moo'e.Gatliin ka jidduu wayaa bulee keeyyate sun

Useen Boolti nama dhalootaan Jaameyikaati.Akka qaanqee xinniqaa akka fardaa arreedaa akkuma kanaan dorgommii Olompikii irratti marroo 8 warqi harate.Waan metirii 100 dubbataniin jennaan fulaa innii jirutti dorgommii metirii 100 tana ufiin hin kajeelan.

Taatullee Usen Boolti, atileetiin Jameeyikaa dorgommii akkanaa irratti addunyaa afaan qabachiise kana barana dorgommii metirii 100 hin taaneef.

Justin dorgommii metiri 100 tana sekondii 9.92 moo’e.Atileetiin Amerikaa ka dhibiin Christin Coleman lammeessoo Useen Boolti ammoo sadeessoo.

Useen nama ganna 30ti Justin ammoo nama ganna 35ti.Boolti duru bara kana dorgommii dhaabaa jedhee guyyaa itti moohame kana eegachaa bahe.

Taatullee rekordiin metirii 100 ammallee harkuma Useen Boolti jirti.Useen metirii 100 amma rekordii irraa qabu tana bara 2009 keesssa sekondii 9.58 moo’e.

Shaampiyoonaa London 16essoo IAAF qopheessu eegii jalqabanii guyyaa afreessoo keessa jiranii guyyuma guyyaan madaaliyaa moohaa deeman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG