Xurree ittiin seenan

Breaking News

OU!OU!OU! Kilabiin Oromo United Leenca DC 4-0n gangalfattee Waancaa OSFNA ka baranaa irraa fudhattee qabaadhatte


Goolii afran Oromo United Leenca DC-tin moote Fu'aad Ibraahimitit galcheef
Goolii afran Oromo United Leenca DC-tin moote Fu'aad Ibraahimitit galcheef
Tapha OSFNA ka baranaa kilabii Oromo United-ti moo'ee mootummaan galate
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:26 0:00

OSFNA, Federeshiinii Kubbaa Miilaa Oromoo Amerikaa Kaabaati.USA fi Kanaadaan baruma baraan waliin qopheeffatan.Baranallee Minisootaa keessatti Adoolessaa 29-Hagayya 5,2017 'Torbaan Oromoo' jedhanii ulfeessan.

Namii Oromoo kuma hedduun baruma baraan qophii akka akkaa fkn ta akka dorgommi ispoortii,mari hawaasaa,qophii bashannnaa fi waan hedduuf walti dhufa.

Kilabiin MN Oromo United Leenca DC 4-0 mootee waancaa OSFNA irraa fudhatte
Kilabiin MN Oromo United Leenca DC 4-0 mootee waancaa OSFNA irraa fudhatte

Dorgommii kilabootii kubbaa miilaa Oromoo 21essoo barana MN magaalaa St.Paul istaadiyoomii James Griffin keessattiw al dorgomaa bahan.

Kilabii 24 keessaa lamatti waancaaf walti hafe.Leenca DCtii fi Oromo United (MN).

Leencii DC ganna shan keessatti akkana oli dhiyaatee hin beeku.Oromo United ammoo bara 2014 fi 2015 keessa waancaa fudhate.

Baranallee Leenca DC dhaanuma dhaanee goolii afur itti galfattee moote.

Goolii afran tana keessaa sadii Fu’aad Ibraahimitti galfate.

Nagaasaa Ayyaanaa, itti aanaa itti gaafatamaa OSFNAti. Kaayon OSFNA innii guddaan Oromoo jabeessuu. Oromummaa irratti hundaaha.Akka innii asi dhufee dhimma isaa irratti mari’atu feena, afaan isaa keessumattu ijoollee biyya alaa tana akka isaan bareedina keenna beekan barbaanna isa kana agarsiifna.”

Najaat Hamzaa hawaasa Oromoo MN keessa hojjatti. “Yerouma hundaa OSFANA nama gurguddaallee caala daaran ijoolleef faaydaa guddaa qabaata.”

Akka jecha Najaatitti qophiin akkanaa tun waan cufa caalaa akka namii wal jajjabeessuu,waltti hidhata uumti. Waan hamtuu irraa fagaachuu fi biyya ufiillee akka irraa hin fagaanne wal barsiisaa walti dhaamannaa jetti.

Abdurizaaqi Duubee nama qophii OSFNA tana durii fagoo horodu amnma ammoo keessa jiru.

“OSFNA karaa sadiin laala; karaa hawaasummaa, karaa dingadee fi karaa siyaasaa.Karaa daldalaatiin ummannii baayeen asi dhufuun isaan waan adda addaa daldalattu faaydaa hedduu irraa argata.

Karaa hawaasummaatiin walti dhufeenna jabeessitii,karaa siyaasaatiin ammoo Tokkummaa cimsti,” jedha.Jarii taphatullee akka hagana caalaa guddachuuf abdii kennitiif jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG