Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Addunyaan Kooriyaa Kaabaa Dura Dhaabachuu Isaa Simatan


Prezidaant Doonaald Traamp hawaasi addunyaa gabbisa meeshaa nukleraa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee dura dhaabbachuu isaa galateeffatanii jiru. Jilli tokkummaa mootummotaa tokko garuu uggurri boodanaa Pyongyangiin dhaabsisuu isaa ilaalchisee shakkii qabu.

Kan hojjetaa bashannana irra jiru jedhaman Traamp keellaa kollee itti taphatan kan ofii New Jersy jiru irra yaada Twitter irratti, maxxansaniin milkaa’ina dhabiinsa waggoota hedduu booda biyyoonni walitti dhufanii balaa Kooriyaan Kaabaa dhaqqabsiisuu maltu beeksisanii jiran. Cimnee dhaabachuun barbaachisaa dha jedhan.

Bulchiinsa Traampiif ambaasaaddora tokkummaa mootummootaa kan ta’an Nikki Haley caasaa oduu NBCf akka ibsanitti garuu uggurri tokkummaa mootummootaa miilanaa jechuun kan galii biyya alaatti meeshaalee erguun biyyattin argattu kan doolaara biliyoona tokkoo kutuun rakkoo biyyattiin dhaqqabsiistu dhaabsisuu hin danda’u. Adabi kun ergaa cimaa dabarsuu danda’a jedhan.

Kan Traamp jedhan irra deebi’uu dhaan filannoon martinuu dura dhaabbannaa waraanaa dabalee dhiyaateera. Pyongyang immoo miaayilli ishee Ameerikaa dhaqqabuu mala jechuun dhaadatte. Kanaaf Kooriyaa kaabaa dura dhaabachuuf waan dandeenye mara goona jedhan Nikkin.

Itti dabalaniis hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un, yoo Ameerikaa dha’uuf murteessan waan injifachuu danda’anii? Jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG