Hogganoonni mormituu kanneen hidhaa keessa jiran haa hiikaman, aangawoonni yakka rawwatan seera duratti dhiyaachuun lafa irra harkiifatee jechuun magaalaalee Amboo Ginncii fi Gudar keessatti manneen daldalaa fi geejiib cufaatti jiraachuu isaanii jiraattonni ibsanii jiru.
Biyyattii keessa seerri hin jiru dararaa fi hidhaan hin dhaabanne jedhu.Labsiin yeroo hatattamaa ka’e jedhamee labsamuuf Oromiyaan duruu kaasee bulchiinsa waraanaa jala jirti jedhan.Mormii kana keessas gatiin dilaalaa dabaluun akka sababaa tokkotti maqaa dhahamee jira.
Bulchiinsa naannoo Amaaraa magaala Baahir Daar keessatti Wiixata Hagayya 7 barba 2017 barii Bombiin dhohuu fi guyyaa guutuu manneen daldalaa fi geejibnii cufamee uummanni mana keessa ooluun ibsamee jira.
Har’a immoo waldiyaa fi wadlaa keessatti baasii dilaalaa waliin wal qabatee mormii jiruun daldallii fi geejiibii cufaatti kan jiran ta’u jiraattonni ibsanii jiran.