Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ba’iin Sagalee Ummataa Dogoggorfamee Jira: Raa’ilaa Odingaa


Filannoo Prezidaantummaa Keeniyaa
Filannoo Prezidaantummaa Keeniyaa

Filannoo prezidaantii keniyaa keessatti mormitoota bakka bu’un kan dorgoman Raa’ilaa Odingaa har’a akka ibsantti caasaa kompuutara komishiina filannoo Keniyaa iccitiin seenanii sagalee uummataa dogoggorsuuf shirri guddaa fi wal irraa hin cinne gaggeeffamaa jira.

Odingaan dorgomaa isaanii ka ta’an prezidaant Uhuruu keenyaattaatti aananii sagalee kan argatan gochuuf jedhan. Marsariitii Komishinii walabaa irraa akka mul’atuutti Robii har’aa walakeessa guyyaa irra sagaleen uummataan kennamee keessaa harkii 94 kan lakka’ame yoo ta’u keenyaattaan harka 54 fi 45 ta’een Odingaa dursaa akka jiran agarsiisa.

Dura ta’an Komishiina kanaa Wafula Chebukati caasaan Kompuutara waajiira isaanii hatameera jechuu hin dandeenyu kan qoratamu ta’a jedhan. Prezidaantichi akka injifatan gochuu irratti fulleeffate jedhan Odingaan.

Komishinni filannoo ba’ii filmaatichaa har’a labsuuf karoora hin qabnu jechuun beeksisee jira. Gama kaaniin gareen mirga dhala namaaf falmuu Amnestii International ibsa baaseen polisiin Keniyaa tarii mormiin filannoo waliin wal qabatee ka’u yoo mudateef to’annaa jala oolchuuf jecha humna barbaachisaa hin taane gargaaramuu hin qabu jedhee jira.

Kanas kan beeksisee ba’ii filannoo duraan ba’e mormituun eega fudhatama dhabsiisanii booda sodaa fi waan ta’u maluu beekuu dhaba irraa akka ta’e beeksiise.

Jiraataan magaalaa Naayroobii tokko akka nuuf ibsanitti haalli magaalattii keessaa yaaddessaa ta'aa deemeera. Uummati tarii hookkarri ka'uu mala sodaa jedhuun muddamni jiru illee hammaateera jedhaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:10 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG