Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Meeshaa Yunaaytid Istetes Qabdu Jabaadha Jedhu


Prezidaantiin yunaaytid Isteetes Donaald Traamp koriyaa kaabaa waliin dorsiisa waraanaa gaggeessaa yeroo jiran kanatti meeshaa Nukleeraa Yunaaytid Isteetes qabdu yeroo ammaa ka duraa irraa daran jabaa fi humna guddaa kan qabu ta’u har’a ibsan.

Traamp har’a ganama dhaamsa Twitariin erganiin yeroon jalqaba baatii Amajjii keessa waajiira qabadhe ajajii jalqaba kenne meeshaa Nukleeraa qabnu foyyeessuu fi bifa ammayyaa akka qabaatu gochuu kan jedhu ture jedhan.Tarii meshaa kana kan itti hin fayyadamuu ta’u malla, garu addunyaa irratti yeroo itti biyya humna guddaa qabdu itti hin taane hin jiru jedhan.

Prez Traamp eega aangoo qabatanii as sadarkaan meeshaan Nukleeraa Amerikaan qabdu sadarkaa maalii irra akka jiru battalumatti hin beekamu.Baasiin ittisa biyyaaf oolu akka dabaluuf Traamp gaafachuun ni yaadtama.Kunis qorannaa fi oomisha meeshaalee haarawaa dabalata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG