Kaan si dhukkeessaa jedhaa kaan si bulleessaa jedhaa Amerikaa fi Kooriyaan Kaabaa waraanaan wal barbaadaa walti dhaadachuutti jiran.
Kooriyaan Kaabaa quftuma waraanaa Amerika Guhaam jiru biratti missaayila ballistic gadi roobuusf guyyaa eegachuutti jiraa jetti.
Guhaamiin tun quftuma waraana Amerikaa garba Paasifik gama Dhiyaatiin jala jiru nama 162,000 caalaatti keessa jira.
Akka Kooriyaan Kaabaa jettutti pirezidantin isii Kim Jong bultii dhiyoo keessatti misaayila Hwasong-12 jedhan irraa bombii gadi harcaasee humna mootummaa isaa Guaam keessatti agarsiisuuf kurfoo jira.
Bisaan bobmii itti gadi harcaasan jedhan kun Guaam irraa km 30-40 fagaatan. Amerikaan Guaam keessaa waraana 7000 qabdi.
Waraanii Kooriyaa Kaabaa karoora Guhaamiin lolu baafatee hajaja pirezidaantii isii itti eegachuutti jirti.
Pirezidaantin Amerikaa Doonaldi Tiraampi Kooriyaan dubbii barbaaddee Guhaam tuxxee jennaan ibiddaa addunyaan takka argitee hin beenneen itti gadi nadheen bulchiinsa sun dhukkeessina jedhee dhaamate.
Jalqamnee jennaan bulchiinsii mootummaa sun dhumatee jedha Tiraampi.Kim Ung ammoo Amerikaan haga dabartee humnaan dhuftee jennaan waan isiin takka hin argine goonee addunyaa duratti ceersinaa jedha.
Biyyiti tun lamaanuu misaayila walti qarachuutti jiran.Amerikaan misaayila misaalya fagoo tokkosan fuula keessa dhufee qilleensa irratti bobeessu,ibidda ibidda nyaatu qopheeffanne jetti.