Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati Keeniyaa Ba’ii Filannoo Eegaa Jira


Uummata Keeniyaa sagalee kennuuf toora gale
Uummata Keeniyaa sagalee kennuuf toora gale

Lammiiwwan Keeniyaa kanneen filannoo prezidaantummaaf Kibxata darbe sagalee kennan har’a ba’ii filannoo dorgommii cimaa Uhuru Kenyata fi Raila Odinga gidduutti geggeessame eegaa jiran.

Angawoonni filannoo kaleessa foormii filannoof guutame 170 konyaalee 290 irraa akkasumas foormiiwwan kuma tokko immoo wiirtulee filannoo 40,883 irraa eegaa turan.

Dura taa’aan komiishina filannoo Wafula Chebukati kaleessa akka jedhanitti ba’ee beeksisuuf xumuraa jirra. Eenyu akka injifates battaluma beeksisama jedhamee eegamaa ture.

Ba’iin filannoo komiishina filannoon ifa ta’e akka mul’isutti hanga ammaatti Kenyaattaan Odinga qabxii saliin dursaa jiran.

Mormitoonni filannoon wal dha’eera, caasaan komputeraa cabsamee seenamuun galmee jiru irra dhiibbaan ga’eera jechuun ba’ii sana fudhatama dhabsiisan. Akka ba’ii kan ofii isaaniitti Odiingaan Kenyatta sagalee kuma 600n caalu.

Gurmuu taajjabdootaa waaltaa carter kan hoogganan ministrii dhimma alaa US duraanii John Kerry fi muummicha ministeeraa Senegal duraanii Aminata Toure tokko turan.

Kerryn lammiiwwan Kenya ba’ii sana falmuufis ta’e caasaan komutera cabsame isa jedhu ilaalchisee adeemsa jiru akka hordofan waamicha dabarsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG