Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarroleen aanaa Gursum rakkoo naannoo ufii himachuuf Finfinnee jirti, itti gaafatamaa nagaa aanaa sunillee ‘Liyuu Poolisitti’ qabee guddoo dhaane


Gursumii fi olloota isii
Gursumii fi olloota isii

'Haga fala tokko arkanutti hin galluu achuma Finfinnee teenyee mootummaatti iyyanna'
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:35 0:00

Harargee Bahaa aanaan Gursum aanaalee araddaan heduduun waan lafaa irratti bulchiinsa naannoo shaniitiin irratti wal dhaban keessaa tokko.

Dhiyoo tanallee aanaa Gursum keessaa araddaa 10 dhiyaatu Soomalii kutanii kennan jedhanii falamaan jabduu fi wal dhabii guddaan dhufe.

Obboo Muusaa Ahmed aanaa Gursumitti itti gaafatamaa damee nagaa waltitti buhiinsa ollootaa daangaati.

Akka innii jedhutti isaa lafa dhaloota isaa aanaa Warra Guyyee waardiyaa fi shifeerii isaa waliin hujif deemu waraanii bulchinsa naannoo Somaaleeti dhufe, Liyuu Poolisi jidduutti qabee fudhaee dabree

“Makiinaa paatroolii afur waraana 50 qabu natti bobbaasanii na qaban.Nuyii aradduma keenna keessatti nu qaban.Maaliif asi dhufanii nuu jehan. Araddaa keennatti waltajjii nagaa,demokiraasii fi misoomaa geggeessuuf dhufnee naannoon kun keenna jenneen.Qabanii akka malee cafaqanii nu tuman,” jedha.

Akka jecha obboo Muusaatti jarii kun warra qabe kana sadafii qawweetiin dhaanee kopheen irra yaahe.

“Makiinaatti nu fahanii nu cafaqaa Caakkaa Galaalcha jehan nu geessan.Satii 7- 10 ufi bira nu tursani osoo deemnu waraanii mootummaan federaalaa dhufee nu gadi nu lakkisiise.”

Obboo Muusaan waraanii ittisa biyyaa jara gadi lakkisiise sun bulchoota aanaa Gursum Somaalee ka akkana isaan dhaansisan jedhanii qabee naannoo nu baasee qabeenna fuudhellee akka deebisan hajajee jedha.

“Seera malee raawattan jedhanii gadi nu dhiisisanii meeshaa isaan irraa fuutanis ammuma deebisaaf jedhanii araddaa keenna keessaas baasan,”jedha.

Gama kaaniin ammoo jaarroleen aanaa godina Harargee Bahaa aanaa Gursumii fi naannoo isiiti dhufte rakkoo araddaa isaanii mootummaa Federalaa fi naannoo Oromiyaatti himachuuf Finfinnee jirti.

Jaarroleen nama 10 geettu tun haga rakkoo dhufaniitti fala aragattutti hin galtu. Jara rakkoo tana himachuu dhufe keessaa akka maanguddoo tana keessaa obboo Abdiin jedhutti

Naannoon isaanii fkn araddaa akka Qoree, Bakakkaa,Warra Guyyee,Kaasaa Oromiyaa, Warra Alii fi aanaalee akka Qumbii,Cinsaaksan faatillee rakkoo Soomaleen daarii lafaa irratti wal dhabaniin namaa fi laftilleen guddoo miidhamte.

Obboo Abdii Yuuyyaa warra rakko himachuuf Finfinnee dhufe keessaa tokko.

“Adoo maanguddo biyyaatiin hin mari’annee waraanii biyyaa irra dedeemee kun Soomaliidhaaf murtaahuu qabaa,kun maareef murtaahuu qaba jedhanii biyyiti lallaaqamaa jirti.Furmaatii nuuf haa argamuuf dhufe,”jedha.

Tana maleellee obboo Adiin “hawaasni haga fala arkattanitti nutti hin galinaa jechaa wan jiruuf haga furmaata tokko arkannutti ni gallaallee hin qamnu jechuu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG