Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya guddattetti aadaa fi afaan jabeeffachaa ijoollee amalaa fi adaba qabdu horachuuf maanti maan tahuu male, guddinnii aartii Oromoo hoo eessa gahe?


OSFNA 2017,MN
OSFNA 2017,MN

Aadaa fi afaan ufii biyya guddatte keessatti akkamiin guddifachuu malan?
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:31 0:00

Amerikaa tun nama biyya ormaatii itti dhufe miliyoona hedduu qabdi.Fkn godina Minisootaa (MN) keessaa akka hawaasii Oromoo jedhutti Oromoo 40,000tti keessa qubataa.

Oromoon Minisootaa keesaa karaa maqaa isitiin moggaasan qabdi.Manneen nyaataa dhugaatii Oromoo hedduutti jira. Lafa sunitti namii guddoo wal hore.

Minisootaa keessatti Adoolessa 29-31,2017 “Torbaan Oromoo jedhanii baranallee labsan.Torbaan Oromoo Amerikaa ,Kanaadaa fi biyya akka akkaatii walti dhuftee dorgommi ispoortii,OSFNA,marii hawaasaa,qophii bashannanaa fi waan hedduu walti dhufu.

Maanguddoo Oromoo qophii sun dhufan keessaa hedduu dubbifne.

Maanguddoo hawaasa Oromoo Minisootaa bara 2017
Maanguddoo hawaasa Oromoo Minisootaa bara 2017

​Biyya guddatte tanatti ijoollee akkamiin guddifachuu malan? Amantiin ijoollee maan maan barsiisuu malte jennee wa gagaafanne.

Abdurahiman Amad Minisootaa keessatti Imaama masjida tokkooti.Ijoolleen amma taphattu tun ijoollee ani leenjisu keessaa tokko jedha.

“Bakka badduu irraa akka isaan fagaatan,hiriyaa badaa irraa akka isaan fagaatan.Aadaa ufii akka horodfan.Amantii ufis akka hordoafan,barsiifna.”

Tana maleellee akka jecha “tapha kubbaa keessattis luyiti teesaan dabuu hin qabdu jehaa.Barumsaa keessatti tokkoffaa.Waan dalaydan keessatti tokkofffaa tahaa jennee barsiifna.Fuuldurii hawaasa keennaa abdii qaba,” jedha.

Aabba Jaaroo Nuuraa Minisootaa magaalaa St.Paul qubata. "Ijoollee akka isiin lafa tanallee jiraatan aadaa lafa ufii,jireenna lafa ufiillee hin deemne itti himna. Fulaa feete jiraattullee eennuummaa ufii dedhuun,diqqeessuun waan tahuu hin malle.”

OSFNA 2017,MN
OSFNA 2017,MN

​Tun cuftii akka aabba Jaarso jedhutti gaafa guddaatte afaan kun diqqoo sirraa mimmiliqanillee wannii diqqeennaan baratte si harkifti,tanaafuu eennummaa keetillee hin deetu,”jedha.

Obboo Sayid Zamaan godina Iowa magaalaa Siisitti itti gaafatamaa hawaasa Oromooti. Hawaasa isaanii waan hedduun galateeffata.

“Ijoolleen oromoo IOWA keessatti dhalatanii guddatan akka nama Oromiyaa keesstti dhalatee guddatee dhalatee afaan Oromoo beekan.Magaala jirru keessatti Oromoon maan akka tahee, ummata seera qabu akka tahee,nagaa akka jaalatu namoota achi keessa jiranii fi kan biraatiifis fkn akka tahan gorsina.”

Oromoon baruma baraaan gannatti qophii Torbaan Oromootiif walti dhufti. Obboo Jamaal Tufee hujii raawwachiisaa hawaasa Oromoo Minisootaati.

Qophii OSFNA tanaan hawaasii faaydaa hedduu irraa argataa jedha "Qophiin namni waggaa tokko guutuu wal hin argin yoo walti dhufu yaada hedduu wal jijjiirata.Waan hedduu wal mari’ata.Daldalii Oromoo hin guddataa,kitaabaa fi waa hedduu waayee Oromoo dubbatan wal irraa bitaa wal gargaara,ijoolleefisa wal barnootaa gaarii taha”jedha.

Guddinnii aartii Oromoo eessa jiraa maanti qajeeluu male?

Guutaa Buttaa fi Gammadoo Jamaal
Guutaa Buttaa fi Gammadoo Jamaal

​Ijoollee Oromoo fiilmii barreessuu fi hojjachuun beekaman,Gammadoo Jamaalii fi Guuttamaa Buttaa dorgommii OSFNA irratti arginee dubbifne.Jamaal fiilmii mormii hiriira Oromootiif baasan keessaa tokko. Fiilmii isaa lamaan

  1. Amaanaa
  2. Cabsaa

Fiilmii Guuttamaan beekaniin keesaa;

  1. Madaa Kukkule
  2. Agartuu Barraaqaa
  3. Imimmaan Dhiiraa

Fiilmiin isaalleen waan biyyitii keessa jirtuu fi waan jaalaatii fi waan jibbii nama tolchu dubbata.

Akka Guuttamaan jedhutti fiilmii Oromoo jalqabe malee asi gahee hin jedahnii deemumatti jira.

“Ummata bal’inna haganaa qabaannee baayinnaa hagasii qabaannee waan saba suni gadi tahee hojjachuun nurra hin jiru.Anaaf aartiin qabsoodha.”

Yaadii Jamaalilleen kanuma.Yoo fiilmii hojjattu maan laalaa ykn ammoo maan qalbii keessaa qabaachaa hojjatta jennaan “Hawasa miliyoona 40 sun ilaala hawasa bakka bu’a jedhee ummta sun taahee ilaalaa hojjadha.Hanqina hawaasa kana keessa jiru ilaalaa hojjadha.”

Jarii lamaanuu akka ummatii aartii Oromoo ilaalaa waan qajeeluu male isaan gorsaa wal jajjabeessaa yaadhan dhaamata.

“Wal haa jabeessinuu gaafa nu kaane ummatii Oromoos kahaa,kanaafuu ha wal jajjabeessinu.” jedha Gammadoon.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG