Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Maccaa-Tuulamaa Oromoo Irreecha bara 2016 irratti dhuman kabajuu fi wal dhaba daangaatiin baqatan gargaaruuf Diisiitti sagantaa qopheesse


Maccaa fi Tuulamaan Oromoo Irreecha bara 2016 dhumatan kabajuuf sagantaa qopheesse
Maccaa fi Tuulamaan Oromoo Irreecha bara 2016 dhumatan kabajuuf sagantaa qopheesse

Qophii waldaan Maccaa fi Tuulamaa Oromoo Qarqaaruuf DC-tti qopheesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:55 0:00

Maccaa fi Tuulamamii waldaa bara dheeraaf waan hedduun Oromoo gargaaraa bahe.Eegii hujii jalqabee amma ganna 53essoo keessa jira.

Waldaan kun guyyaa dheengaddaallee Oromoo Irreecha bara 2016 irratti dhumatan qaabachuu,Irreecha bara 2017 ulfeessuu fi Oromoo rakko wal dhaba daangaa Somaaleetiin baqatan gargaaruuf yuniversitii Kaatolik (Catholic University) keessatti sagantaa kopheesse.

Akka pirezidaantiin waldaa kanaa Dr. Mohaammad Hassan jedhetti waldaan kun akka addunyaa waan waan Oromoon irratti dhumatteef quba qabaataniif.

“Namnii sun dhume haga ammaatti namni isaan fixe seeratti hin dhiyaanne. Ummannii kun akka hin irraanfatamne yaadatamuu qaban.”

Warra qophii tanaaf dhufe keessaa ka dhibiin aaddee Iftuu “Gaafa nu jabaanne namuu hallayyaatti isan hin darbu dhiigni keessan akkasumatti hin lolaane wari duubatti hafe waan sian baataniif bakkaan gaha,” jetti.

Waldaan Maccaa-Tuulamaa Oromoo wal dhaba daangaatiin baqatellee horii qarqaaraniin walti qabeef.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG