Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoo wal dhaba daangaa Somaaleetiin baqatte qarqaarumatti jiranii dhaabii Hirpha International $200,000 caalaa biyya alaatii walti guureef


Oromoo wal dhaba daarii Somaaleetiin baqatte horii miliyoona hedduu walti guuraniif
Oromoo wal dhaba daarii Somaaleetiin baqatte horii miliyoona hedduu walti guuraniif

Oromoo wal dhaba daarii Somaaleetiin baqattee horii miliyoona hedduu walti guuruutti jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:57 0:00

Wal dhabii daarii Somaaleetii fi Oromiyaa kun nama kuma hedudu baqachiise. Biyya alaatii fi biyya keessallee hirii walti guurumaafiitti jiran.

Wal dhabii kun duruu hinuma jiraa taatullee bara 2015 jalqabee akka itti aanaan koomishineerii koomishiina hooggansa balaa Oromiyaa obboo Garramuu Oliiqaa jedhutti godina shanan Oromiyaa fi naannoon Somaalee waliin qaban irraa ganna lama keessatti nama 400,000 caalaatti baqate.

Naannoo Somaalee magaalaa Jijjigaatii naannoo sunillee Oromoo 118,000 caalaatti baqate.

Jara kana waan hedduun gargaaruutti jiran. Haga hardhaatti qarshii miliyoona 153 taatutti baankii gargaarsa kanaa jedhanii Itoophiyatti baninitti galeef jedha obboo Garrmuun.

Nama akkana baqate kana kaan lafa Oromiyaa warrii durii keessaa dhufetti akkuma fedhii isaaniitiin walumatti qabanii gargaaran.

Hirpha Internationl, dhaaba Oromoo rakkoo akkanaatti nama gargaaruuf dhaabatte.Obboo Gabii Tufaa barreessaa dhaaba kanaati

Horii kana kaan online interneetii irraa kaan ammoo namumatti dhuunfaan kenne jedha.Horiin akkanaan walti qaban $253,000 Oromoo biyya alaa jirtutti walti guureef jedha.

Horiin kun rakkoon jirtuun wal bira qabani yoo ilaalan womaa keessa hin jiru garuu xiqqaatullee qooda keenna bahuuf,” jedha.

Gama kaaniin ammoo akka koomishinerii koomishiina hooggansa balaa Oromiyaa Garramuu Oliiqaa jedhutti akka hardhaatti qarshii miliyoona 153 ummatii kennetti baankii gale.

Itoophiyaatit hojjattoota mootummaa, abbootii daldalaa,nama dhuunfaa rakkataa kana gargaaruuf qarshii miliyoona dhibba hedduu waadaa gale quba qamna.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG