Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattootii yuniversitii Jimmaa akka yuniversitiin isaanii barattoota Oromoo Jijjigaatti hin dachaane fudhattee barsiistu hiriira bahanii gaafatan


Yuniversitii Jimmaa
Yuniversitii Jimmaa

Barattootii yuniversitii Jimmaa,Kittoo Furdisaa akka yuniversitin isaanii barattoota Oromoo Jijjigaatti hin dachaane 1,000 fudhattu fedh
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:31 0:00

Barattootii Oromoo ka yuniversiti Jijjigaa naannoo Somaaleetti deebinee barachuu hin dandeennu jedhan akka oduu qamnuutti 4,000.

Barattootii yuniversitii Jimmaa damee teknooloojii Kittoo Furdisaa hardha diirama hiriira bahanii akka bulchiinsii mana barumsa isaanii barsiisotaa fi barattoota tana ufitti dabalee barsiisu gaafatan.

Tana maleellee akka yuniversitiin dhibiilleen ijoollee tana fudhatanii barsiisan fedhan.

Akka warii nu dubbifne jedhetti miilotii isaanii achi keessa baratan barattootii Amaaraalleen isaanumatti dabalamanii gaafii tana bulchiinsa aafatan.

Rakkoo barattootii Oromoo yuniversitii Jijjigaa baratan keessa jiran yo laalan akka barattootii yuniversiti Jimmaa jedhanitti waan qaban waliin gahaa hojjachuu wayya.

Yuniveristiin yoo ijoollee ufitti dabalee fudhate amma adoo barumsilleen duraa hin dabarre ammuma ufitti fudhachuu malan.

Barattootii kampaasa yuniversitii Jimmaa damee dhibiilleen torbaanuma kana keessa hiriira bahanii rakkoo barattoota yuniversitii Jijjigaatti deebihuu hin dandeenne akka ufitti fudhatan gaafatan.

Ijoolleen tun bulchiinsa yuniversitii isaanii dubbisanii bulchiinsilleen tanuma irratti mariitti akka jiruu fi waan irra gahan torbaan dhufu barattootatti himuuf kurfoo jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG