Xurree ittiin seenan

Akka Muummeen Ministera Itoophiyaa kora Parlaamaa irratti jedhetti gatiin qarshii Itoophiyaa gadi buutullee tanaa jettee gatiin gaazii fi geejjiba hin dabaltu

  • VOA

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayile Maariyaam Dassaalenyi

Muummeen Minsitera Itoophiyaa hardha waan akka akkaa irratti paarlaamaan Itoophiyaati gabaasa kenne.Hujii biyya gargara qoodee nagaa dhoortu, waan horii ummataa balleessaa, herrega siyaasaa dogngora naannoo Oromiyaatii fi Somaaleetti wal dhaba uumaa.

Bulchootaa mootummaa Federaalaa Itoophiyaa hujii irraa bu’uuf gaafatan obboo Bereket Simoonii fi obboo Abbaa-Duulaa Gammadaa.Qarshiin Itoophiyaa kasaartee humna dhabdullee tanaaf jettee gatiin gaazii hin dabaltuu.

Waan Muummeen misnteraa kana gaafatan keessaa ganna lamaa asitti wal dhaba naannoo Somaaleetii fi Oromiyaa nama hedduu fixuutti jiraa, pirezidaantiin Itoophiyaa Dr,Mulaatu Teshoomeelleen yoo ji’a lamaan duratti paarlaamaa gabaasa kenne waan rakkoo naannolee tana lamaanii fide jabeessee hin dubbannee maaniif jennaan.

“Rakkoon tun siyaasaa nama cufaa qalbii tokkoon caqasuu dhabdu irraa dhufte.Bulchiinsa keessa, dhaaba nagaa egu ummata fulaa fedhellee yo jiraadhe biyyuma tiyya jedhan akka ummata ufiitti hin laalle,kun kiyya kaan kiyyaa mitii jedheutti jira. Jedhee garagar qooda.Ummata nagaan waliin jiraate gargar qooda.Bulchiinsa federalaa ummata irratti hirkate dhiisanii lafa ilaalaa namaa fi lafa gargar baasanii ilaaluutti jira.Fala argachuu baannaan waldhabii hin dhaabatu.”

Rakkoon dhibiin dhiba kanaan dhufte akka jecha muummee minsiteraatti kontorobaandii mi’a seera malee fa’atanii dabarfachuu.

“Yoo gabayaa Caatii ykn Jimaa naannoo tana jirtu laalluu warruma gabayaa tana ufumaan qabadhachuu fedhutti dhiba kana rakkoo Itoophiya fakkeesse. Gabayaa seera malee karaa kanaan dhuftuun ammoo ji’a lama keessatti doolarai seera malee yaatu miliyoona lama qamne.Gabayaan seera malee akkanaatti rakkoo tana rakkoo gosa tokkoo tolche. Warrii gabayaa akkanaa tana jalatti dahatu ammoo akkana tolchuu baannaan fedhii warrii wal dhaba uumuun hin taatuuf.”

Gama kaaniin ammoo birriin Itoophiyaa yoo doolarii Amerikaatiin wal bira qaban guddoo kasaartee gati dhabde.Mootummaan mala jireennaa gama kaani jirulleen wayyeessuutti jira akka jecha Obboo Hayilkee Maariyamitt.

Mala rakkoo tanaan falaan keesaa tokko gatii geejjibaa mootummaanuu waan haga tokko ufumaan baasuuf gatiin geejjibaa hin dabaltu,gatiin elktirikiitii fi bisaniileen gatii birrii kasaare jedhanii hin dabalan jedha. Warra tanaa jedhee gatii dabalee garaa hin laafnuu hin adabnaa jedha.

Midhaan barana biyyitii argattulleen akka jecha muummee minsiera kanaatti akka dansaa galan tanaafuu warrii agaraahee sabdaahee gati midhaanii seera malee itti daratu irraa itti oli fudhannee dhukkubsinee adabna jedha obboo Hayilee Maariyam ammaayyuu itti jirra.

Gama dhibiin ammoo itti gaafatamtoota mootummaa Feederalaa Itoophiyaa hujii iraa bu’uuf gaafatan keessaa Obboo Bereketi Simoonii fi Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa fa.

Akka jecha obboo Haylee Maariyamitti obboo Bereke duraanuu hujii irraa bu’uuf irra deebihee gaafatee tanumaaf eeyyamaniifii galtaan hujii irraa fuudhan.

Ta obboo Abbaa-Duulaa Gammadoo ammoo eeyee jechuu fi dhibaachuu laaluutti jiran.

Ta kabajmaa obboo Abbaa-Duulaa ammoo gaafi isaa arginee.Hardhuma gaafatee isan waliin mariitit jirra.Akka aada paartii teennaatti irra dedeebinee mari’anna.Gaafii feetelleen taatu karuma demokiraatawaan hojjanna.Waan irra geenne walumaan laalla.Yoo fkn obboo Abdula Dullaa ammallee hujumatti deebihu fedha guddoo feena.Yoo ammoo innii irrumaa bu’uu fedhaa jedhe irraa fuuna.”

Itoophiyaan nagaa biyya ollaa isiillee horii fi humna namaallee eeguufiitit jirti akka jecha obboo Hayle Mariyamitti.

Suudan Kibbaatii fi Somaallee nagaa eeddi. AMISOMitti waraana ufi dabaluu qofaa miti beeseellee baaftee gargaarti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG