Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koollejjii Rifti Vaalii naannoo Gootaraatti Oromoo 1,000 oli Jijjigaa baqattetti itti qubate, nyaataa-dhugaatiilleen obboo Dinquu Dayyaasaatti gargaaruutti jira


Koollejjii Rifti Vaalii damee Gootaraa keessatti Oromoo 1,000 oli Jijjiqaa baqatan keessatti gargaaruutt jiran
Koollejjii Rifti Vaalii damee Gootaraa keessatti Oromoo 1,000 oli Jijjiqaa baqatan keessatti gargaaruutt jiran

Koollejjii Rifti Vaalii damee Gootaraa Kampaasa Pepsiittii Oromoo 1,000 oli Jijjiqaa baqatan keessatti gargaaruutt jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:56 0:00

Wal dhabii daarii Oromiyaa fi Somaalee nama kuma hedduu fulaa hedduu baqachiise.

Akka oduu quba qamnuutti koollejjii Rift Valley Finfinnee naannoo Gootaraa kampaasa Pepsiitti nama 1,000 caalaatti itti baqate.Kollejjii fi yuniversitiin Rifti Vaalii ta obboo Dinquu Dayyaasaati.

“Warrii fira qabau fira biratti gargaaramaa jira warri bakka dhaqu hin qamne garuu achuma (koollejjii) keessatti gargaaramaa jira,” jedha bakka bu’aan baqattoota tanaa.

Koollejjii barumsa ogummaa fi teknikaa barsiitu tanatti ijoollee haga 2,000 tahanitti itti barata jedhan.Barattoota tana amma yuniversitii gar gara oofanii barachuutti jirti.

Jara kana haga tokko kutaa galma keessatti haga tokko balbala koollejjii tanaa 18ti gargar qoodanii gargaaruutti jiran.Kutaa barumsaa keessaa kopmuteraa fi barcumaallee baasanii nama itti galchan.

“Barattoota baasanii kompaasa biraatti bittinsainii,” jedha bakka bu’aan jara baqatee VOAn dubbifte.

Nama kampaasa tanatti guuran jedhan keessaa akka warrii nu dubbifne jedhetti ijoollee haga 60-70 tahanitti keessa jira.

Itoophiyaatti amma ijoolleen barumsatti jirti taatullee kampaasa Rifti Vaalii Gootaraa damee Pepsii tanatti akkuma isiin ijoollee galmeessuu jalqabdeen itti baafatan.

“Eegaa bakka qubattan dhabdan jedhani(Obbo Dinquun) barattoota baasanii qarshi nuu kennani firaashii nu kennanii akkasitti nu gargaaran.”

Akka bakka bu’aan baqattoota nu dubbifnee jedhetti akkuma manii barumsaa sun ijoollee galmeessuu jalqabeen humnaan itti baafatani nyaataa fi dhugaatiillee Obboo Dinquutti gargaraa bahe.

Taatullee dhiyoo tana keessaa abbootii qabeenna Oromoo ka akka aaddee Makkiyaa,Obboo Immiruu,obboo Saabir,Haaji Badhaadhaa fatti obboo Dinquutti dabalamee jara kana gargaaruutti jira.

Jari nu dubbifne ammoo “Obboo Dinquu duraan qarshii miliyona 12 ummataaf akka kenne atoo beennuu nutis gara gorru waan hin beenneef gaafa isaan rakkisuu nu bira dhaabbatan,” jedha.

Jari kun ammoo “namii tokkichii qofatii nama kana gargaaruu waan hin dandeenneef koollejji tanallee itti barachuu waan malaniif mootummana isaan gargaaru gaafachuutti jira

Itti gaafatamaan koree qindeessaa gargaara nama wal dhaba naannoo Oromiyaattii baqatee Dr.Aberraa Tolaa torbaan dabre keessa achi dhufee jara baqate sun laale.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG