Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Jaapaan Dawwatan


Kan har’a prezidaantii Yunaayitid Isteets waliin dhaabbatanii waa’ee sagantaa Niyuukilaraa Kooriyaa Kaabaa dubbatan – muummichi ministaraa Jaappaan – Shiinzoo Abe, jecha Traamp ergifachuun, “filannoon hundinuu fuul-dura keenya jira” jedhan.

Prezidaant Traamp waliin ta’uun ka gaazzexeessotaaf ibsa kennan – Abe, “haasa’umaaf jecha haasaan Kooriyaa Kaabaa waliin goonu hin jiru. Yeroon mootummaa Piyoongyaang-tti dhiibbaa cimaa goonu ga’ee jira” jedhan.

Prezidaant Traamp-s kanuma dura dubbatan irra-deebi’uudhaan, waa’ee Kooriyaa Kaabaa irratti yeroon tarsiimoo obsaa akka dhumate dubbatan.

Ka guyyoota lamaaf marii irra turan – Traampii fi Aabe, irra-jireessi marii isaanii waa’ee Kooriyaa Kaabaatti ka fuuleffate ta’uu mirkaneessanii jiran.

XS
SM
MD
LG