Xurree ittiin seenan

Waltajjiin Baahir - daaritti qophaahe Baaka Jabinni Itiyoophiyaaummaa Iitti Mul’atee Jedhame

  • VOA

Ka gidduu kana magaalaa Baahir-daaritti geggeessame waltajjiin marii uummatoota Oromoo fi Amaaraa, waa’ee bulchiinsota naannoo lameen irra taree ka jabinni Itiyoophiyaanummaa itti mul’atee fi barbaachisummaan tokkummaa itti dubbatame ta’uu – hoogganoonni bulchiisota naannoolee lameenii dubbatanii jiran.

Mariin kun maddeen oduu biyyattii keessaan ka tamsaasame yoo tahu, keessumaa ka magaalaa Baahir Daar irraa tamsaasamu - Televiiziyoonni bulchiisa naannoo Amaariaa yeroo bal’aa kenneefii tamsaasuu isaa – gabaasaan VOA – Eskindir Firew, Finfinnee irraa gabaasee jira.

Akka gabaasaa kanaatti, Prezidaantonni bulchiinsota lameenii haasaan marii sana irratti dhageessisan waa’ee tokkummaa uummatootaa fi cimina Itiyoophiyaanummaatti ka fuuleffate akka ture beekamee jira.

Prezidaantiin Bulchiinsa naannoo Oromiyaa – Obbo Lammaa Magarsaa, “tokkummaan uummatoota lameen gidduu jiru, kan eenyuun keenya iyyuu haaluu fi jijjiiruu hin dandeenye, tokkummaa barootaaf ijaarame” jedhan.

Walitti-hidhata uummatoota Amaaraa fi Oromoo gidduu jiru cimsanii ka dubbatan – Prezidaantiin Bulchiinsa naannoo Amaaraa – Obbo Gadduu Aandaargaachoos, tokkummaan kun, “ololawwaan diiggaa hedduu injifachuun kan as gahe” jedhanii jiran.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG