Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wixineen Seeraa Ameerikaa Itiyoophiyaatti Fuuleffate Akka  Mana-Maree Duratti Dhihaatee Sagaleen Raggaasismu Gaafatame 


bakka-bu’aan kutaa Koloraadoo - Kongiresmaan Maayik Kofmaan,
bakka-bu’aan kutaa Koloraadoo - Kongiresmaan Maayik Kofmaan,

Mana-maree Bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteets, Koree dhimmoota alaa keessaa yeroo dheeraaf ka tajaajilan – bakka-bu’aan kutaa Koloraadoo - Kongiresmaan Maayik Kofmaan, kaleessa mana-maree bakka-bu’ootaa guutuu duratti haasawa dhageessisaniin, haala-qabinsa mirga dhala-namaa Itiyoophiyaa tarreessuudhaan, akka koongiresiin yokaan manni-maree wixinee seeraa sanatti sagalee kennuun dabarsu gaafatan.

Haala qabinsa mirga dhala-namaa fi deemsa ijaarsa dimookiraasii Itiyoophiyaa sirreessuutti ka fuuleffate – wixineen seeraa Yunaayitid Isteets tokko gara murtiitti akka dhihaatu, miseensi mana-maree dhaga’ama qaban tokko gaafatanii jiran.

Adoolessa dabre kana ka seericha wixine koree dhimmoota alaa, kan Mana-maree Yunaayitid isteets duratti dhihaatee, sagalee guutuudhaan gara mana-maree bakka-bu’ootaatti ka dabre – wixineen seeraa kun, miseensota mana-maree dimookiraatotaa fi ripublikaanotaa 70 ol ta’aniin sagaleen itti kenname ka deggerame.

“Kabajamoo dura-taa’aa mana-maree, har’a gidduu keessanitti argamee, mootummaan Itiyoophiyaa lammiwwan isaa irratti ukkaamsaa fi gochaa gara jabinaa itti fufinsaan raaw’ataa jirun isiniif dhiheessa. Miseensonni mana-marees, wixinee seeraa 128 kana irratti akka sagalee kennitaniin isin kadhadha” jechuun gaafatan – Kongiresmaan Maayik Kofmaan.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Wal dhaba daarii Oromiyaati fi Somaaleetiin Oromo kuma hedduutti baqatee jari kun amma maan keessa jira?
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:05 0:00

XS
SM
MD
LG